Friday, September 20, 2013

Mootummaan Wayyaanee Dargaggoota Oromoo maqaa Miseensummaa ABOn yakkuun hidhuu itti fufe

Fulbaana 20,2013 Amboo
Mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa finiinaa jiruu fi dura dhaabbannaa miidhama mirga dhala namaa itti jiramu hidhaan ala filannoo haaraa kan hin qabne Godina Shawaa lixaa magaala Amboo keessatti dargaggoota mana hidhaatti ukkaamsaa jira. Akka kanaan Fulbaana 19,2013 Mootummaan Wayyaanee waraqaalee dhaadannoo “ABOn Gaachana Ilmaan Oromooti” kan jedhu maxxansitanii jirtan jechuun dargaggoota hojii dhabdoota mana hidhaatti guuraa jira. Kanneen keessaa
1. Dargaggoo Tasammaa Taaddasaa
2. Dargaggoo Gaaromaa Immiruu
3. Shamarree Katamee Gaarii
Jedhaman mana hidhaatti ukkaamsuun reebichaa fi qorannoon dhiibbaa jabaa irraan gahaa jira. Dargaggoota Oromoo kanneen mootummaan wayyaanee warra isaanii jala adhoksuun nyaataa fi uffataan dararamaa jiraachuun isaaniis beekamee jira.
Mootummaan wayyaanee amala kana kan barate Godina Harargee keessattis dargaggoo Ahmed Jeeylan jedhamu maqaa miseensa ABOn yakkuun mana hidhaatti ukkaamsee jira.

No comments:

Post a Comment