Gabaasa Caamsaa 27,2014 D.Doolloo
Caamsaa 27,2014 Gabaasa Qeerroo godina Qellem Anfilloo irraa addeessuun yeroo ammaa mootummaan Wayyaaneedhaa saba biraa uummata ormoo irratti kaasuudhaan bu’aa keessatti argatutti jabeeffatee jira,akka gabaasni Qeerroo ibsutti duras akeekkachiisa uummanni keenya saboota kanaaf kenne irra darbanii ammallee uummata keenya arrabsuutti gamuu irraan uummanni keenya Aanaa Anfilloo keessattuu ganda Yattii,Ashii fi Eeneche jedhamu irraa tarkaanfii dhumaa fudhachuu keessa seenee jira,uummata diina walif taane waliin hiriirtanii nun tuqina jedhamee kanaan dura akeekkachiisni kennamieefii ture irra darbanuu irraan yeroo ammaa uummanni jiraattoota ganda kanaa tarkaanfii mana jireenya isaani gubuu fi reebuu irratti argamanii jiru.Sababa kanaanis mootummaan wayyaanee waraana isaa aanaa kana irratti ramaduudhaan uummata oromoo hidhuutti akka jiruu fi FDG aanaa kana keesatti ka’uuf kan jedhus sodaa irraan hidhaan namootaa itti fufeetu jira namoota yeroodhaaf hidhaman list isaanii arganne keessaa:
1.Qana’aa Tasfaayee-Qote bulaa ganda Yattii irraa
2.Kaasayee-Qote Bula ganda Yattii irraa
3.Wandimmuu Aseffaa-Qote Bulaa ganda Yattii irraa
Isaan kun ilaalcha siyaasa ABOtiin kaleessa irraa qabamanii mana hidhaa keessatti reebichi hamaan irra gahaa jedhu Qeerroon Anfilloo irraa akka ibsutti,walitti bu’iinsi jirun kan jabaatee jiruudha jedhu,gabaasni kanaa itti fufa!