Tuesday, June 30, 2015

Adeemsi Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adeemsa Qabsoo Jaarraa 21ffaati (Kan dabreerraa kan itti fufe)

Waxabajjii 29,2015 Finfinnee
barruuHariiroo Jorgoo – Qeerroo Bilisummaa Oromoo – Oromiyaa!
Lafa kana kan uume Waaqa yoo ta’ellee, lafa Oromiyaa kana irratti eenyuuyyuu dura kan uumame Oromoo waan ta’eef, lafti kun kennaa Waaqni Oromoof kennedha. Kanaaf lafti kun kan Oromooti! Akkasumatti Waaqxi ardiilee kaanittis biyyoota hundatti uummata uumeera. Biyyootni kunneen lafa Waaqxi isaaniif kenne seera ittiin tikfatan niqaban.  Lafti uumaa waaqaa ta’us, abbaan arge akkuma arge utaalee biyya namaatti hin seenu.
Kankeenya garuu lafuma keenya irratti; biyya abbaa keenyaa irratti kan silaa warra kaan gabbarsiisnee of jalatti seera keenya keessatti bulchuu malletti nuti halagaa biyya keenya seeraa ala humnaan nudhaaltee koloneeffatte gabbarree bulaa jirra.  Yeroo har’aa biyyattii kana irratti kan gibira ol aanaa kaffallu Oromoodha. Kan vaatiifi taaksii kkf biyyattiif galchu Oromoodha. Sharafa biyya alaatiis kan argamsiisu qabeenyaa Oromoofi Oromiyaati! Albuuda Oromoof Oromiyaa kanneen akka warqee Shaakkisoo,pilaatiniyeemii Yuubdoo, Oppaalota Harargeefi godinaalee hedduu saamanii gurgurachaa jiru.
Bunaafi jimaa gogaa beeyladaa, oomishoonni qibaa kanneen akka nuugii, salixaafi suufii kkf Oromiyaarraa maddan. Lafeen dugdaa dinagdeefii jiruu biyyattii kanaa Oromoofi  :- Adeemsi Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adeemsa Qabsoo jaarraa 21ffaati

No comments:

Post a Comment