Monday, June 8, 2015

Ibsa Itti Baha Filatnoo Wayyaanee Dura Barattooti Yuunivarsiitilee fi Kolleejjiiwwan Gara Maatii Isaaniitti Akka Galan Taasifamaa Jira, Kunis FDG Tokko Illee Akka Hin Kaaneef Yaadameeti.

Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 07,2015 Naqamte
Yuunivarsiitilee fi Kolleejjiiwwan barnootaa biyyatti ibsa itti baha filannoo dura gara naannoo irraa dhufaniitti akka galan taasifamaa jira kunis FDGn  tokkollee akka hinkaaneef yaadameeti jedha Qeerroon
Kana malees moitummaan Wayyaanee hojjettoota misooma qonnaa baha Wallaggaa magaalaa Naqamteetti walitti qabuun maaliif nafilachuu diddan jechuun dararaa ture har’a waltajji isaa banuunis sababaan  kaayyoon walgahii kanaa akka ogeeyyiin qonnaa kun jedhanitti maqaa misoomaan haata’u malee yaaddoo ibsa mo’ichaa filmaataa bahuun booda rakkoo fi diddaa uumataa  qunnamuuf jedhu dursanii sossobachuuf ta’uun beekameera.
Xumura waltajjichaa irrattis bifa bashannaan bakkeewwan daawwannaaf gara abbayyaa fi naannoo adda addaa isin deemsifna  jedhchuun hojjettoota goyyomsuu yaalu illee hojjettoonni diddaan dura dhaabbatanii akka jiran gabaasi Qeerroo addeessa.

No comments:

Post a Comment