Friday, June 26, 2015

Godina Lixa Shaggar Aanaa Xiqur Incinnii Keessatti Manni Murtii Wayyaanee Barattoota Oromoo 15 Irratti Hidhaa Waggaa 2 fi Baatii 6 Murteesse, Anaa Ada’aa Bargaa Keessatti Ammoo Jiraattoti Reebichaan Miidhamaa Jiru.

Waxabajjii 25,2015 Midaa Qanyii
Because I am OromoBarattootni Oromoo aanaa Midaa Qanyii  M/B Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa baatii Amajjii keessa balaa abiddaan barbadeeffamuu bosona  Oromiyaa aanaa Jibaati fi Xuqur Incinnii gidduutti kan argamuu bosonni Jibaat gubachaa wayitaa jiruutti barbadeeffamuu bosona Oromiyaaf hiriiraa mormii sagalee diddaa dhageessisuun barnoota dhaabuun ibiddaa bosona Oromiyaatti qabatee jiru haa dhaamsinu jedhanii waan dubbataniif mootummaan Wayyaanee isin ABO, alaabaa ABO qabattanii jirtu, about isin keessa jira jechuun sobaan yakka diinummaa irratti qindeessuun himatee manma murtiitti deddeebisaa erga turee booda dheengaddaa murtii diinummaa irratti dabarsee jira.  Murtii sobaa fi yakkaa diinummaan walqabateen barattoota Oromoo irraatti kennaame kanaan uummaatni yeroo ammaa kana sagalee dheekkamsaa fi mootummaa Wayyaaneetti akka hin bullee, ergamtuu wayyaanee OPDOtti ifaan ifatti itti himaa jiraachuun ibsame jira.
Maqaa dargaggoota barattoota yakki diinummaa irratti dabarfame keessa:
  1. Barataa Gammaachuu Taakkalaa hidhaa waggaa lamaa (lamaa) fi baatii ja’aa
  2. Barataa Birhaanuu Margaa hidhaa waggaa lamaa  fi baatii ja’aan adabame
  3. Barataa Mirreessaa   hidhaa waggaa lamaa  fi baatii ja’aan adabame
  4. Barataa Geetuu Baqqalaa hidhaa waggaa lamaa  fi baatii ja’aa adabame
  5. Barataa Waaqumaa Kumalaa hidhaa waggaa lamaa  fi baatii ja’aa adabame
  6. Barataa Caalaa Silashii  hidhaa waggaa lamaa fi baatii ja’aa adabame
Kana malees Godina lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa keessatti gaafa Waxabajjii 24,2015 Humnootni waraanaa Wayyaanee fi Poolisootni Federaalaa Wayyaanee soda guddaa sochii FDG Uummata irraa qabaniin wal qabatee  tarkaanfii reebichaa uummata irratti fudhachuun, yeroo hundaa waraannii Wayyaanee mana Uummataa irraa adeemuun SBO, OMN,RSO dhaggeeffattan isin Qeerrootu isin ijaaree jira, jechuun Wayyaaneen  Godina Lixa Shaggar AANAA  Ada’aa Bargaatti  Ummata dararaa jirti.  Keessattuu gandoota akka  Ulaa Goraa fi Magaalaa Reejjii keessatti uummatni akka malee reebamaa jiru, ilmaan Oromoo  poolisii feederaalaan reebamaani midhaan guddaan irra ga’ee jiru keessa:
  1. Obboo Geetuu Magarsaa jiraataa magaalaa Reejjii
  2. Obboo Munaa Daadhii  jiraataa magaalaa Reejjii
  3. Dargaggoo Biraanuu Gonfaa jiraataa magaalaa Reejjii
  4. Dargaggoo Mootii Garramuu
  5. Obboo Baqqalaa Dashuu fi kanneen jedhaman dabalatee ilmaan Oromoo hedduun reebichaa diinummaa poolisootni federaalaa wayyaanee raawwachaa jiraniin hedduun kan miidhaman ta’uun gabaafame.

No comments:

Post a Comment