Tuesday, June 2, 2015

Gaaffii Uummata Irraa Ka’aa Jiru Dura Dhaabbachuuf Jecha Karoora Guddina Transformation Lammaffaa Jechuun Hogganooti Wayyaanee(OPDO) Magaalaa Naqamteetti Wal Gahaa Jiru. Loltooti Dhalootaan Oromoo Ta’anis Jimmatti Qoratamaa Jiru.

Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 02,2015
Qeerroo bilisummaaWaltajjiin kaabinoota Wayyaanee OPDO baha Wallaggaa guyyaa har’aa kana magaalaa Naqamtee galma naqamteetti geggeeffamaa jira
Gabaasi maadhee Qerroo qaama mootummaa keessaa akka gabaasetti kaayyoon waltajjii Wayyaanee uummatichi filmaata sobaarratti harka qabanii ,reebaa fi hidhaadhaan gidirsaa moone jedhan irratti gaaffi addaa waan kaasaa jiruuf jecha  deebii akkamii laatamuu akka qabuufi maqaa karoora guddinaaf tiraanisfoormeeshinii lammaffaa jedhuun uummaticha afaan faajjessuuf akka ta’e beekameera.
Korojoo filannoo sobaa Wayyaanee irratti namni tokko hin filanne jedhanii yeroo maxxansa illee uummatichi namni biraan yoo filachuu baates sagaleen koo eessa bu’e jechuun gaaffi dhalchaa jira. Guutuu impaayera biyyattiitti kun haqa jiru yoo ta’u oduun bubbulee Wallagga bahaa aanaa Leeqaa Dullachaarraa nuqaqqabe akka mul’isutti namooti hedduun ganda baataa yakkin irratti sagaleenkoo eessa bu’e jechuun gaafatan hanga ammaatti mana hidhaatti dararamaa jiru.
Gama biraan ammoo  Waxabajjii 1,2015 Godina Kibba dhihaa Oromiyaa magaalaa Jimmaa keessatti poolisootni fi Wwrannii Wayyaanee dhalootaan  Oromoo ta’aan ABO waliin hidhata qabdu jedhamuun qorannoon dararama jiru.
Ilmaan Oromoo waraana kaampii Waraana dhiha Oromiyaa magaalaa Jimmaa keessatti argamanii fi poolisootni kora bittinneessaa Oromiyaa fi poolisiin magaalaa baleessaa tokko malee Oromummaa isaanii qofaan humna waraanaa ABO waliin hidhata qabdu jedhamuun qorannoon dararamaa kan jiranii fi isaanuma keessa immoo ilmaan Oromoo hidhamuun dararamaa jiraachuu madden keenya saaxilan.  Ilmaan Oromoo kun face book, Email, skype,  fi twitter,  fayyadamuun ABO waliin qunnamtii tolfattan mootummaa garagalchuuf adeemaa jirtu jedhamuun face book, email, skype fi twitter  isaanii akka sakkatta’amuu dirqisiisaa jiraachuun, kanneen social media kamiinuu hin fayyadamneen immoo beekaa dhoksitan jechuun darararamaa jiraachuu  madden keenya saaxilan.

No comments:

Post a Comment