SBOLogoAnimation(Sagalee Bilisummaa Oromoo – Waxabajjii 09,2015) — Addunyaa irra filannoo gosa lamatu jiran. Kanneen biyya ijaarratan, sagalee ummataa fi seera biyyaa kabajan, mirgi sabummaa fi matayyaa heeraan mirkaneeffame keessatti filannoon adeemsifamu kan sagalee ummatni kenne kabaju dha.  Biyyoota akkanaatti  filannoon ummata ittiin sobuuf hin gaggeeffamu. Sagalee isaa irra ejjatanii kan ofiif fedhan filame jedhanii labsatuufis ittii hin gargaaraman. Kan ummataa fi biyyaaf hojjatu itti filatan, kan waadaa isaa guutuu hin dandeenye ammoo murtii baala dhoksaa dhaan dabarfamuun aangoo irraa ittiin buusan. Ummatni sagalee isaatiin aangoo irra kaa’ee sagaleedhuma isaan aangoo irraa buusa. Kanaaf sagaleen ummataa murteessaa dha jedhama. Sagalee ummataa hatuu fi saamuun gonkumaa hin danda’amu. Sirni dimokraasii biyyoota kanneen keessatti diriirfames kana hin haayyamu. Kanatti dabalee karaan korojootti baala dhoksaa itti guuranii fi keessaa guuran hin jiru. Taajjabtoota walabaan waan to’atamuuf. Boordiin filannoos walaba qofa osoo hin taane, aangoo murteessummaa waan qabuuf hannii fi saamichi sagalee ummataa karaan itti cufamaa dha.  Filannoo akkanaan kan mo’ame isa mo’een baga gammadde jechuun dhaamsa gammachuu dabarseefii mo’atamuu isaa amanee fi labsee nagaan qadaadama. –Eeboo fi Daabboo