kr
Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Bulee Horaa fi Godinaalee garagaraa irraa ibsu. Barattootni Yuuniversitii Bulee Horaa guyyaa har’aa Waxabajii 4,2015 FDG kanaan dura eegalee jiru hanga bilisummaatti hin dhaabnu jechuun itti fufan.Humni waraana Wayyaanee konkolaataa 10 ol tahus garasitti fe’ame. Barattootni hedduunis qabamanii mooraadhaa bahuu Qeerroon gabaasaa jira.
-Nuti mirga keenyaaf falmii afaan qawween doorsifamuun osoo hin dhaabbatin itti fufuu qabna.
-Humni waraanaa mooraa keenya keessaa nuuf haa bau’u
-Oromiyaan haa bilisoomtu
-Nuti abdii WBOtiif jiranna
-Oromiyaan kan Oromooti.
-Habashootaa fi nafxanyoof hin jilbeenfannu
-jala deemtuu wayyaaneef bakka hin qabnu
-Seenan isin haagafatu kan ilmaan Oromoo mana hidhaatti guursistan mooraa Yuuniversitii Bulee Horaa keessatti dhaadannoon kun har’a
barattootaan itti fufee jedhamaa ooluu Qeerroon kan gabaasuu fi akkasuma barattootni qormaata biyyoolessaa kan kutaa 12 guyyaa har’aa
eegalan qorumsa biyyooleessaa sa’a isaa eegate kajabuu irra bilisummaa faarsaa oolan. qorumsi sirnaan kan hin gaggeeffamne Oromiyaa
godinaalee hunda keessatti tahuu Qeerroon gabaase. Torban kana guutuu mannen barnootaa sadarkaa gadii keessatti WBO faarsuun barattootni
diddaa itti fufan.fedha qaban Bilisummaa fi walabummaa tahu barattootni kutaa 1 irraa kaasee hanga qophaayinatti ibsaa jiru. FDG Yuuniversitiilee keessatti itti fufe.