Monday, June 29, 2015

Godina Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagaloo Irraa Hojjettooti 18 Filmaata Filuu Waakkattan Sababaa Jedhuun Hojii Irraa Arihamuu Qeerroon Gabaase.

Waxabajjii 29,2015 Gabaasa Qeerroo Qassoo
election_tplf_styleGodina Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagaluu jedhamu keessaa filmaata filuu diddaan sababaa jedhuun ilmaan Oromoo hojjettooti  mootummaa kudha saddeet hojiirraa ari’aman.
Hojjettooti kun badii tokko malee filmaata mootummaa Wayyaanee filuu diddanii fi fimaatas kan filuu waakkattan sababaa ilaalchi keessan ABO ta’eef maqaa jedhuun yoo ta’u gariin isaaniimmoo filmaata kun kijiba mootummaa Wayyaanee hin filiina jettanii uumata ilaalcha ABO qaban nurratti kaftan kun ammo misaansa ABO waan taataniif filmaata utuu hin filatin haftani jedhamuun hojiirraa kan ari’aman yoo ta’u miindaa ji’a kana dhorkatamuu isaaniitiinis keessaayyuu dargaggoonni reef maatiirra adda ba’anii ramadaman rakkoo humnaa olii keessa bu’uu gabaasi Qeerroo Qassoorra nugahe addeessera
Namoota ari’aman keessaa:-
  1. Kiisaa Addunyaa, Waajjira albuudaafi Inerjii irraa
  2. Dargaggoo Warqinaa w/ra Qonnaa irraa
  3. Dassuu. Waajjira Qonnaa irraa
  4. Tamasgeen w/ra hojii gamtaa irraa
  5. Durbee Tigist. w/ra dhimma lafaarraa
    kanneen jedhaman keessatti argamu.

No comments:

Post a Comment