Wednesday, June 17, 2015

Waa’ee Dr Mararaa Guddinaa kana beektuu Laata?

prof-merera-gudina-eviction-letter-14344687418n4kg
 Dr. Mararaa Guddinaa Adoolessa 5 bara 1956 Lixa Shaggar magaalaa tokkee Kuttaayeetti dhalatanii guddatan. Ijoolummaa isaanii irraa jalqabee Waan isaaniif hin galle cimsanii Gaafachuu fi Waan sammuun isaanii hin fudhanne hunda Mormuu isaanii irraan kan ka’e Maatii isaanii fi namoota naannoo biratti maqaa masoo(Nick Name) “Didaa” jedhamuun beekamu.Oromoota muraasa yeroo sana Carraa barnootaa argatan keessaa tokko yoo ta’an Barnoota sadarkaa 1ffaa achuma magaalaa Tokkee Kuttaayeetti Barnoota sadarkaa 2ffaa immoo Magaalaa Ambootti haala gaariin hordofuu dhaan Qabxii Olaanaa galmeessisanii Yunversiitii Finfinnee seenuu dhaan barnoota Saayinsii Siyaasaa hordofuu jalqaban.haa ta’u malee Carraan Hidhamuu, dararamuu fi Ajjeefamuu Barattoota Oromoo irra ga’aa turee fi ga’aa jiru Dr Mararaa Guddinaa irras ga’uu dhaan Mootummaan dargii badii tokko malee Mooraa barnootaa keessaa qabuu dhaan waggaa torbaa Oliif mana hidhaa keessatti isaan darare. Bara Jireenya isaanii keessatti Abdii kutatanii kan hin beekne Dr. Maraa Guddinaa waggaa torbaa Oliif badii tokko malee mana hidhaa keessatti dararamanii erga ba’anii Booda gara Kaayiroo(Misira)tti Imaluu dhaan barnoota addaan kutan itti fufanii Yunversiitii Kaayiroo irraa barnoota Saayinsii Siyaasaatiin Digirii Jalqabaa Fudhatan.
Merera2010Barnootaaf bakka guddaa kan qaban Dr Mararaa Guddinaa barnoota isaanii itti fufuu dhaan bara 2002 yunversiitii Guddichaa fi Beekamaa ta’e Yunversiitii Nitherland irraa barnoota Saayinsii Siyaasaatiin Dooktarummaa fudhatan.
Dr Mararaa Guddinaa bara 1986 Barsiisummaa dhaan Yunversiitii Finfinnee keessatti tajaajiluu kan jalqaban yoo ta’u qabsoo Oromoo biyya keessaa bifa bittinnaa’een adeemsifamaa ture daandii qabsiisuu dhaaf bara 1996 paartii koongirensii Biyyolessa Oromoo hundeessuu dhaan qabsoo uummata Oromoof daandii haaraa banan.Sochii dinqisiisaa fi fudhatamaa ta’e uummata Oromoo waliin taasisuu dhaanis filannoo bara 2005 irratti hojii guddaa dalaguu dhaan uummata irraa Jaalalaa fi Amantaa guddaa argatan.Sababa kanaanis Oromiyaa bakka hedduu keessatti Injifatanii mana maree Federaalaa(Paarlaama­a) seenuu dhaan Mirgi uummata Oromoo akka kabajamuuf cimsanii Falmaa turan.
Haa ta’u malee Nama dhugaaf falmuu fi uummata biratti fudhatama argate balleessuu dhaaf rafee kan hin bulle Mootummaan Wayyaanee Miseensota garaa isaanii guuttachuuf Koongirensii Biyyolessa Oromoo keessa seenan kanneen akka Tolasaa Tesfaayeett qarshii muraasa hiixachuu dhaan daandii godhatee shira hin jirre paartii kana keessatti uumuu dhaan hundeessaa fi Falmataa dhugaa paartii kanaa kan ta’e Dr Mararaa Guddinaa taphaa ala gochuu dhaan Paartiin uummata Oromoo biratti jaallatamee fi Abdatame Paartiin Biyyoolessa Oromoo warra abbaa garaaf dabarfamee laatame. Afuuftichi Tolasaa Tasfaayee akka hooganuufis Aangoon kijibaa ni laatame!!
sochii yeroo mara godhan keessatti Haala rakkisaa kam keessattuu Abdii kutatanii kan hin beekne Dr Mararaa Guddinaa ammas adeemsa isaanii itti fufuu dhaan bara 2008/2009 paartii Hayyuu Diinagdee obbo Bulchaa Dammaqsaatiin hundeeffame paartii Warraaqsa Federaalistii Dimokiraatawaa Oromoo(WFDO) waliin walitti makamuu dhaan Koongirensii Federaalawaa Oromoo(KFO,OFC) bifa haaraan Hundeessanii qabsoo isaanii itti fufan.paartii kana qabachuu dhaanis uummata keenyatti gadi bu’anii qabsoo rincicee ture dhoosuu dhaan uummata Dammaqsanii Diina hirriba dhawwan.Filannoo guyyoota Muraasa dura adeemsifame irrattis Sagaleen isaanii hattootaan Hatamus Oromiyaa guutuu naanna’uu dhaan uummata keenya Dammaqsanii qabsoon Oromoo sadarkaa tokko fuulduratti akka tarkaanfatuuf Hojiin isaan dalagan yoom iyyuu kan dagatamu miti!!!
Mirgi uummataa akka kabajamuuf halkaniif guyyaa carraaquu irraan kan hafe waa’ee jireenya dhuunfaa isaanii yaadanii kan hin beekne Dr. Mararaa Guddinaa hanga har’aatti mana hin qaban,Maatii hin qaban,Ijoollee hin qaban.manni isaanii Dachee Oromiyaa halkaniif Guyyaa Waardiyyaa dhaabbataniifi dha,Maatiin Isaanii uummata Oromoo hunda dha, Ijoolleen isaanii dhaloota Qubee of jalaan horatani dha!!
Wanti yeroo ammaa kana baayyee nama Gaddisiisu Garuu Dr Mararaa Guddinaa Osoo ammas dalaguuf humna qabanii osoo Barattoota mooraa yunversiitii Finfinnee biratti daran jaallatamanii Yunrversiitii Waggoota hedduu dhaaf tajaajilan irraa Tajaajilli keessan dhumeera jedhamuu dhaan dirqamaan Soorata(Xoorataa) akka ba’aniif dirqisiifamaniiru. kana qofa miti Tajaajjilli isaan waggoota hedduu dhaaf biyyittii kana tajaajilan duwwaa dhaan baayyifamee manni jireenyaa Waggoota hedduu dhaaf keessa ta’anii biyyittii kana tajaajilan harkaa Mulqamuu dhaan yeroo ammaa kanaMina kiraatiif Saaxilamanii jiru.osoo warra kaan ta’ee waggaa hedduu tajaajile jedhamuu dhaan mana qofa miti Konkolaataa waliin badhaafamanii kabajaan gaggeeffamu turan.Kaabinoonnii fi kaadiroonni kutaa afur lakka’anii uummata saamaa jiran Gamoo fi konkolaataa meeqa qabu laata? Oromiyaan kiyyas kan haqa ishee falmeef balfitee kan ishee gurgureef biyya taate maalan godha!!!

No comments:

Post a Comment