Sunday, June 14, 2015

Odeessa Sagalee Qeerroo Bilisummaa

Waxabajjii 14,2015
image-63b4e402449dd50b58c13b4a413c0254db73f8a4b70dfcacb88e7a7fff0f7211-VMootummaan oftuultuun abbaan irree wayyaanee, “otoo dhirsa hin argiin siree… akkuma jedhan barri bittaa aangoo ishii itti fufuu isaa otooma hin mirkaneeffatiin bajeeta bara dhufuu ramdachuu jalqabdee jirti. Haata’u malee karaa ergamaa ishee Suufiyaan Ahimad Paarlaamaa mana maree federeeshinii wayyaanotaan guutameef dhiheessee jira.
Akka buchullichi wayyaanee Suufiyaan Ahimad Jedhutti bara itti aanuuf baajatni wayyaanee barbaachisu qarshii Biiliyoona 223.4 yoo ta’u isa kana keessaa Qarshii Biiliyoona 38fi Miiliyoona 693tii ol Gargaarsaan kadhaatiin biyyoota dureyyii irraa argachuuf karoora baafataniiru. Kun kanaan otoo jiruu akka isaan karoorfatanitti otoo qarshii Biiliyoona 38tii ol isaan kadhaa irraa arganna jedhan otooniif argatan illee, Qarshii Biiliyoona 27 tii ol ammoo bakkuma fidanii guutan  kan hin qabne ykn hindandeenye hir’inni baajataa isaan mudachhuun irra gahameera.
Paartiileen siyaasaa mormitootaa otoo irratti hin hirmaatiin paarlaamaa wayyaanonni qofti itti guutaniin muummicha ministeera Wayyaaneen kan paarlaamaa wayyaaneef dhihaatee sagalee  guutuun filatamee taayitaan mirkanaa’eef Boordiin filannoo Itooppiyaa distii-mukaa ibiddarra taa’uufi taayitaa tokkollee hin qabu kan jedhan mormitoonni paartiilee siyaasaa bakka daldaltoonni hin jirretti ministeera Daldaltootaa dhaabuun gatii hin qabu. Bakka demokiraasummaan, haqaqabeessummaan hin jirrettis filmaanni gatii hin qabu jedhaniiru.
Keessaafuu, abbaa dhimmaa kan ta’e uummatichi bal’aan anaan maaltu nadhibe jedhee qarqara dhaabbatee ilaaluu dhiisee addattimmoo dargaggoonni gaafatammumaasaanii bahuu akka qaban cimsanii akeekkachiisaniiru.
Hayyootiin gurguddoon kanneen akka Dr. Mararaa Guddinaa, Filmaanni akkasii jaarraa 21ffaa keessa haaturuutii baroota Ariistootilfaallee seenaa addunyaa keessatti takkaa argamee; dhagahamee hin beeku jechuun isaanii niyaadatama.
Godina addaa Naannoo Finfinnee Aanaa Buraayyuu …….Ganda Noonnoo/Ashawaa Meedaa/ jedhamuun beekamutti Wayyaanonni qonnaan bultoota abbaa warraa 155 ol ta’an laf qonnaa isaanii irraa buqqisuun investerootatti gurgurachuun isii beekame.
Qonnaan bultoonni kunneen hanga muummicha ministeeraatti koree isaan bakka bu’u ijjaarratanii yoo iyyatan illee namni abbaa kanaa isaan jedhu dhabameera. Kun kanaan otoo jiruu mataa isaaniifi ilmaan isaaniif illee mana jireenyaa irratti ijaaruuf haayyama dhabaniiru. Aanaa kana keessatti dhimma kamuu fixachiifachuuf qonnaan bultoonni matta’aa akka gaafataman beekamaadha. Manuma jireenyaa mataa isaaniitiin keessa jiraaytaniif illee kaartaa baafachuuf kan seeraan gaafataman malee seeraan ala qarshii kuma 60 hanga 70 akka gaafataman hadhaayanii ibsachaa jiru.
Godinoota addaa Naannawa Finfinnee keessatti wayyaaneen duula human elektirikaan gaggeessaa jirti! Filmaata kana irratti godinoonni Oromiyaa kun wayyaanee filatuu dhabuun paartii Madirak filachuu isaatiin kan aarani warri wayyaanee human elektirikaa humnaa ol gadlakkisuun manneen godinoota kana keessatti argaman meeshaaleen elektirooniksii kanneen akka televizyinaa, firiijaa, teeppii, raadiyoonaa, kompiiyuteraa, ampoolifii kk fakkaatan akka jirutti gubachuun isaa mirkanaa’eera.
Amma duras uummata kana aarsuun akka magaalaa Finfinnee jala galan gochuuf yaalaa kan turan yoo ta’u inni ammaa kun garuu kasaaraa hedduu namoota irraan kan ga’e ta’uu jiraattonni dubbachaa jiru. Kun kanaan otoo jiruu hangamillee uummanni filmaata irratti yoo paartii Madirak Filate illaa, warri wayyaanee shiraafi humnaan sagalee uummataa akkuma dur baranitti saamanii kan fusdhatan ta’uunis hubatameera.
BORU HIN BEEKNEEN, QADABUKOONSHEE LAMA!  Odeessa Sagalee Qeerroo Bilisummaa

No comments:

Post a Comment