Monday, June 1, 2015

Filannoo Wayyaanee Bara 2015 Fi Haala Yeroo Biyyattii Keessaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroon Bilisummaa Oromoo.

cropped-qeerroo-edit.jpg

Filannoo Wayyaanee Bara 2015 Fi Haala Yeroo Biyyattii Keessaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroon Bilisummaa Oromoo

Waxabajjii  01,2015 ,Waamicha Uummata Oromoo- Qeerroon  BilisummaaOromoo  haala yeroo irratti hundaa’uun Sochii warraaqsa FDG filannoo sobaa fi  itti fakkeessii Mootummaan Wayyaanee  EPRDF’n  gaggeesse irratti  Uummata isaa waliin ta’uun FDG kan jabeessee jiruu ta’uu fi Murtii amma uummatni  Oromoo fudhachuu qabu  ilaalchisuun  Ibsa gabaaba uummata Oromoo hundaaf dabarsee jira.
Uummaatni Oromoo sirna gita bittoota Habashootaa humna qawween aangoo qabataniif yeroo inni osoo hin falmatin tolee bulaafi ture hin jiru. KKeessattuu kan yeroo dhiyoo yoo fudhanne, Ebla 11, 2014 as qindoomina fi waamicha ilmaan Oromoo qaroo dhaloota Qubee, Qeerroo bilisummaa oromootiin waamicha uummata isaatiif FDG dabarseen gaaffiin abbaa biyyummaa, gaaffiin mirgaa fi walabummaa biyya keessaa fi biyyoota ambaa keessatti dhageettii guddaa argateera. Wareegamani qaaliin lubbuu gaafattus ittus itti kaffalameera.
Warraaqsi kun  Warraaqsa diinni Oromiyaa dhuunfachuuf dachee Oromiyaa Finfinnee fi naannoo isheetti argamaan qoodachuuf, karoora diinni  maqaa ‘’Master plan’’ jedhuun qopheeffate adda durummaan kan dura dhaabbatee fi kaayyoo diinaa fi gabrummaa dura dhaabbachuun diina raafama guddaa keessa kan galchedha. Uummatni Oromoo Warraaqsaa FDG utuu addaan hin kutiin ittuma fufuun jumlaan ajjeefamuun,  jumlaan hidhamuu fi barnootaa fi hojii irraa arii’atamuun bilisummaa isaaf falmachuu irraa akka duubatti deebisuu hin dandeenye mootummaa garboonfataa wayyaaneetti argisiisuun waggaa tokkoo oliif Warraaqsi qabsiifame jabaachuun itti fufe.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo (QBO) Sochii warraaqsaa kana kallatti hundaan Uummata Oromoo ijaaruu fi qindeessuun  lafa dimookiraasiin hin jirree fi mirgi dhala namaa hin kabajamnetti filannoo dimookiraatawaa gaggeessuun soba jechuun ololli maqaa filannoo fakkeessii  wayyaaneen oofamaa jiruu dhaabbachuu qaba,  jechuun  irra deddeebiin ibsamaa tureera. Caamsaa 24,2015 dilbata darbe mootummaan Wayyaanee EPRDF’n filmaata fakkeessii sobaa gaggeessuun walqabatee Qeerroon  uummata dammaqsuu fi waliin ta’uun FDG irratti qabsiisee jira. Kana malees Uummatni Oromoo Oromiyaa cufa irraa  bilisummaa isaa gonfachuuf hiriiree jiraachuu diinatti argisiisan. Haala Yeroo Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Waxabajjii 01 2015

No comments:

Post a Comment