Wednesday, June 17, 2015

Mootummaan Waayyaanee Gaaffii Mirgaa Uummanni Kaase Dura Dhaabbachuuf Jecha Poolisoota Sirnichaa Kutaalee Magaalaa Adda Addaa Keessatti Leejisaa Jira.

Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 16,2015 Finfinnee
kr
Leenjii Kutaa Magaalaa Piyaassaa
FDG dura dhaabbachuuf mootummaan Wayyaanee poolisoota isaa naannoo Finfinnee kutaa magaalaalee garagaraatti leenjii kennaa jira.
Madda oduu Qeerroo Finfinnee Kutaa Magaalaa Gullallee irraa Waxabajii 16,2015. Torbee fi erga filannoon kijibaa darbee qixa garagaraa fi godinaalee akkasuma dhaabbilee barnootaa keessatti humna waraanaa kan ramade FDG finiina jiru dura goruu fi gara dhabsiisuu yaaluudha. Bara darbee yeroo ammaa diddaan uummata Oromoo jabaachaa jiraachuun tika mootummaan hagam dura dhaabbatamullee Wayyaanee sodaachisee jiraachuun waan ifaadha. Kanumaan wal qabateemmoo Finfinnee keessatti diddaan guyyaa guyyaatti jabaachaa waan deemaa jiruuf miseensi poolisii mootummaa kamuu akkamiin diddaa kana addaan kutuu fi fesheleessuu akka danda’an, uummata diddaa kanatti hirmaatanis toohachuu fi hidhuun jabeeffamuu akka qabu irratti poolisoonnti Finfinnee kutaa magaala garagaraatti leenjii fudhachuu eegalan.
Uummanni FDG kaasu humna keenyaan ol ta’uu danda’a. akkasuma of eeggannoon kana booda akka sochootan uummanni isin irratti tarkaanfii fudhachuu danda’a jechuudhaan leenjii sodaan wal qabate poolisoota Finfinneef kennamaa jiraachuu Qeerroon gabaase.
Suuraan as irratti argitan kun poolisoota walgayii irraa bahaa jiran isaanuma keessaa poolisootan suuraan kun kaafamee kenname kan kutaa magaalaa Piyaasatti leenjiiin kun kennamaa ture tahuu isaa gabaasni nugahe ibsa. Sodaa aangoo gadhiisuu mul’achuun poolisoonni FDG dura dhaabbachuu akka qaban leenjiin kennamus FDG hanga bilisummaatti itti fufa, kanas ni deggerra kan jedhan miseensonni poolisoota leenjii kana keessatti argaman Qeerroo fi uummata oromoo waliin dhaabbachuu dhaamsa kennuu Qeerroon gabaase.

No comments:

Post a Comment