Tuesday, June 9, 2015

Naannawaa Shaggar Aanaa Sulultaa Ganda Dubar Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Daran Jabaachaa Jira,Milishooti Gandaas Uummata Adamsanii Hidhuu Itti Fufan.

Waxabajjii 9,2015 Dubar

10337748_485378124959861_4832524584612908307_n
Loltooti Wayyaanee Ganda Dubar Keessaa Uummata Yeroo Hidhaatti Guuran
Naannawa Shaggar aanaa sulultaa ganda Dubar keessatti sochiin qeerroo daran jabaatee itti fufuun Wayyaanee fi jaleewwan sirnichaa  raafama keessa buuse jira. Filannoo dharaa fi fakkeessii mootummaan abbaa irree Wayyaanee gaggeesseen booda nu filachuu diddan sababa jedhuun gandoota hedduu irraa ifaa, bishaanii fi network guutumatti balleessuun uummata dararaa kan jirtu yoo tahu, kanumaan walqabatee Qeerroon Oromoo aanaa Sulultaa ganda Dubar guyyaa 06/06/2015 galgala irraa eegalee diddaa guddaa dhageessisaa jiraachuu gabaasi Qeerroo addeessa.
Filanoo dharaa fi fakkeessiin bitamuu hin qabnu, mirgi abbaa biyyummaa haa kabajamu, ajjeechaan reebichii fi hidhaa nurraa haa dhaabatu, dhimmi master planii finfinnee yaa haqamu jechuun sagalee dhageessisaa sirboota qabsoo garagaraa sirbaa kan bulanii fi basaasaa wayyaanee kan yeroo garagaraatti sabboontota ilmaan oromoo sobaan yakkaa ture fi bulchaa ganda Dubar kan tahe Nama Xilahuun Kebebew jedhamu manni isaa dhakaachaan tumamee jira. Jaleewwan Wayyaanee diddaa Qeerroo kana dura dhaabachuuf yaaltus yeroo sanatti dhaamsuu kan hin dandeenyee fi tikoota poolisii Wayyaanee aanaa irraa akka ergamuu taasisuun guyyaa har’aa uummata keessa naana’uun doorsisaa jiru.

No comments:

Post a Comment