Wednesday, June 24, 2015

Naannawaa Shaggar Aanaa Sulultaa Magaalaa Caansoo Keessatti Saamichi Lafa Oromootaa Daran Jabaachuu Irraan Diddaan Jiraattotaa Itti Fufe

Waxabajjii 24,2014 Magaalaa Caancoo
11119932_491385171025823_1900945432_nNaannawa Shagar aanaa Sululta Magaalaa Caancoo keessatti saamicha lafaa fi qotee bulaa humnaan qe’ee irraa buqqiduun daran hammaachuu irraan kan ka’e diddaan uummataa jabaate. Yeroo ammaa kana Wayyaanee fi dabballoonni ishee qotee bulaa lafa irraa buqqisuun saamicha gaggeessaa kan jirtu yoo ta’u uummanni magaala Caancoo diddaa jabaa dhageessisaa jira.
Diddaa uummataa kana dura dhaabbachuuf yeroo hedduu maqaa wal gahii jedhuun uummataa fi hojjattootta mootummaa yaamuun sossobuuf yaalaa kan turte yoo tahu walgahii isheen yaamte irratti hojjattoonni dhalootaan Oromoo tahanii fi uummanni magaalaa Caancoo diddaa jabaa waan dhageessisaniif diddaa kana dura dhaabbachuu hin dndeenye. Kana waan taheef ammas diddaa uummataa kana dhaamsuuf dabballootuma waliin saamicha gaggeessaa turan yeroodhaaf jettee mana hidhaa aanaa Sulultaa magaala Caancootti guuraa jirti.11653231_491384304359243_8764961_n
Haaluma kanaan fakkeessidhaaf lafa saamtanii jirtu sababa jedhuu dabballootuma idhee itti gaafatamaainvestment kan tahe nama Salamoon Debebe jedhamuu fi mahandisoota magaala Caancoo nama sadi yeroodhaaf sagalee fi didaa uummataa dhaamsuuf jettee mana hidhaatti kan darbatte.

No comments:

Post a Comment