Tuesday, June 23, 2015

Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF Bifa Adda Ta’een Kellaawwaan Nannawaa Finfinneetti Argaman Irratti Sakkatta’insa Guddaa Gaggeessaa Jira, Namoota Nagaa Sabaaba Itti Barbaaduun Kanneen Waraaqaa Eenyummaa Hin Qabne Hidhaatti Guuraa Jira.



Waxabajjii 23,215 Finfinnee

Sakata'a Milishoota WayyaaneeMootummaan abbaa irree EPRDF/TPLF Wayyaaneen yeroo amma kanatti muddama keessa galtee jirtu keessaa of baasuu kan hin dandeenye human waraanaa fi pooliisii of harkaa qabdutti fayyadamuun  yeroo irraa gara yerootti sakkatta’insa seeraan alaa gaggeessaa kan turte, yeroo amma kanatti ilmmoo sakkatta’insa bifa adda ta’een Waxabajjii 19,2015 irra ee galuun  kellaawwaan magaalaa Finfinnee  nanna’uun argamaan hundaa irratti sakkatta’iinsa seeraan alaa gaggeessa jirti. Keellaawwaan magaaloota addaa Oromiyaa naannawaa Finfinneetti argaman  irratti kan haalaan jabeessitee sakkatta’insa gaggeessa jirtuu fi waraaqa eenyummaa fi gaaffii qorannootiin uummata dararaa jiraachuun irra ga’ame jira.
 Sochiin uummata nannawaa Finfinneetti argamuu haalaan jabaachaa jiraachuu irraa yaaddoo fi sodaan kan itti bulee Wayyaaneen waraanaaisaa hiriirsisuun duulaa sakkatta’insaa fi doorsisaa gaggeessa jirachuun uummata shoroorkeessa jira. Qeerroon bilisuymmaa Oromoo uummaatni Orromoo  akeekaa Oromoo qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisuun eenyummaa fi teessumaa Oromiyaa saamuuf maqaa master plan Finfinnee jedhuun Wayyaaneen fiigaa jirtuu dhaabsisuu fi haala waliigala qabsoo bilisummaa Oromoo galiin ga’uuf yeroon gamtaan falmatan amma Oromoo bakka jirtanhundaa socho’aa jechuun uummata Oromoo hundaaf dhaamsa isaa dabarsee jira.

No comments:

Post a Comment