Tuesday, June 9, 2015

Kabaja guyyaa gootota Oromoo fi yaadannoo barattoota ajjeefamani



Hawaasni Oromo Hordaland waxabajji 6 bara 2015, biyya Norge, magaalaa Bergen itti guyyaa goototta Oromo haala ho'aan kabajateera.
Kabaja guyyaa gootota Oromo Hawaasni Oromo Hordaland yeroo duraaf itti gaafatamummaa fudhate qindeesse kana irratti Obbo Dhugoomsaa Dhugaasaa adda bilisummaa Oromoo bakka bu'uun akka keessummaatti argamaniru.
Obbo Abdi Yusuf fi Obbo Asnaaqaa Erko Hawaasa Oromo Hordaland irraa affeeramani waayee seenaa kabaja guyyaa gootota Oromoo fi dhimma tokkummaa cimsachuu irratti barnoota kennaniiru.
Obboo Abdi Yusuf barnoota hirmaattotaaf dhiheessan irratti seenaa qabsoo ummata Oromo calqabaa haga harraa, laafinsa sirna gdaa Oromoo fi akkaataa ummanni Oromo harka alagaa jalatti gale, finciltoonni diddaa gabrummaa qabsoo bilisummaa akka nam tokkee fi gurmuun bakka bakkatti finiinsan, barattoonni Oromo yeroo yerootti qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti hirmaannaan qabaachaa turaani fi harras gochaa jiran maal akka ta'e waan ibsan yoo ta'u maqaa qabsaawota Oromo bilisummaaf lubbu isaani kennan dabare dabreen kaasuun akka yaadataman taasisaniiru.
Obbo Asnaaqa Erko gama saanitiin tokkummaa ummata Oromoo jabeessuuf jecha yaaduma tokkummaa jedhu kanaa akka gaaritti hubachun dursa dubbi ta'u isaa ibsani wanti guddaan tokkummaa Oromo jabeessu garaagarummaa ho'isuu otoo hintaane waan waloon qabnu leellifachaa adda addummaa keenya ammo walii obsuu akka ta'e jala muraniiru.
Obbo Dhugoomsaa Dhugaasaa rakkoon ummatni Oromo amantee fi gandaan walqoode ittin of dadhabsiisuu amma 'llee biyya ambaa kana keessatti akka gaariti hiikko akka hinarganne ibsani, hawaasni Oromo biyya ambaa jiru humna qabsoo bilisummaa ta'u kan dandawu yoo obsa waliif qabaate waliin hojjate, yoo tokkummaa isaa jabeeffate mana ijaarrate, walitti dalanne walirraa galuu kana dhiisee yoo walgorfatee walsirreesse walitti deebi'e waliin dhaabbate qofa ta'u isaa himaniiru.
Dhuma irratti Aadde Elfinesh Qannoo ergaa dabarsaniin ummanni Ormo biyya ambaa jiru humna horate qabsaawota bilisummaa Oromoof jireenya isaaniif lubbu isaani wareegaa jiran gargaaruuf hirphu kan danda'u yoo tokkummaa isaa cimsate ta'u isa hubachiisaniru.
Suuraalee kabaja guyyaa goototaa kana agarsiisan facebbook Hawaasa Oromo Hordaland irratti ilaalu dandeessu.

No comments:

Post a Comment