Dinne GabrummaaGabaasa Hagayya 03,2014 ilmaan Oromoo balleessaa tokko malee sobaan mana hidhaa Wayyaanee Maa’ikalaawwii keessatti dararamaa turan keessaa barattootni 11 dararaan cimaa erga irraan gahamee booda hidhaa irra gadhiifamaniru.Kanneen kunis:-
  1. Falmataa Bayechaa Barataa Medicine waggaa 5ffa Yuniversiitii Jimmaa
  2. Eebbisaa Dhaabaa barataa sportii waggaa 3ffaa Yuniversiitii Jimmaa
  3. Nimoona Kabbadaa barataa barataa Seeraa waggaa 5ffaa Yuniversiitii Wallaggaa
  4. Mo’ibul Misganuu barataa laboratory waggaa 2ffaa Yuuniversiitii Wallaggaa
  5. Baqqalaa Gonfaa barataa water Engineering waggaa 3ffaa Yuunivarsiiti Wallaggaa
  6. Rattaa Dajjash barataa water engineering wagga waggaa 4ffaa Yuuniversiitii Wallaggaa
  7. Ararsaa Laggasaa barataa water Engineering waaggaa4ffaa Yuuniversiiti Harommayaa
  8. Ashannafii Margaa barataa engineering waggaa 2ffaa Yuuniversiitii Harammayaa
  9. Baraisii Jamaal barataa technica fi Ogummaa Magaalaa Dirree Dawwaa
  10. Abbuu(Guyyoo) Galmaa barataa kutaa 9ffaa Godina Boorana irra qabame umriin isaa wagga 14 kan ta’e..
  11. Alii Sheedoo barataa kutaa 9ffaa kan umriin isaa waggaa 15 ta’a Godina Boorana irra qabame kanneen keessatti argaman ilmaan Oromoo dararaan guddaa erga irrtti raawatameen booda mana hidhaa Ma’ikelaawwii keessaa gadhiifaman.