Monday, August 18, 2014

Sochiin diddaa gabrummaa Oromiyaa keessaa jabaate itti fufuun Wayyaanee raafam keessa galche


QEERROOHagayyaa 18, 2014 (Odeessa Qeerroo Bilisummaa) – Hagayyaa 16/2014 Sochiin Dargaggoota,Barattoota Oromoo fi waliigalattii uummaatni  Oromoo mirga abbaa Biyyummaa isaa kabachiifachuuf abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO  irratti gaggeessa jiru daran jabaachuun mootummaa Wayyaanee raafama ulfaata keessa  galchee jira.
Sochiin Qeerroo, barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoon qabsiifame kana danquuf  wayyaaneen shiroota garaagaraa xaxaa kan turete yeroo ta’u uummata walitti qabuun sochii  kana ABOtu gaggeessa, balaaleffadhaa jedhee godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessa  deemuun uummaata humna waraanaatiin walitti qabee hiriira baasuuf yaalii godheen  uummaata irraa diddaa guddaan isa mudachuun ni yaadatama. Keessattuu shirri Wayyaanee  kun Godinaalee dhiha Oromiyaa keessatti mormii guddaa itti kaase.
Uummaanni Oromoos ergaa gaaffii mirgaa gaaffachuu fi qabeenyaa keenya hin saamiina,  dhala keenya dhukaastanii hin ajjeesinaa, mirga keenya nu sarbiina, lafa keenya irraa nu hin  buqqisinaa, seeraan ala nu hin hidhiinaa, ijoollee keenya barnoota irraa hin arii’ina, mirga  dimookiraasii fi namommaa nu hin sarbiina jechuun ABOdha, shororkeessadha, nama  jechisiisa ta’ee ,dhibbaan dhibbatti ABO’n sirrii fi dhugaaf kan nuuf falmu ta’uu hubannee  jirra jechuun uummaanni dubbatee Wayyaanee qaaneesse jira.
Haala kanaan Wayyaaneen walga’ii uummataa sadarkaa aanaa fi gandaatti godinaalee dhiha  Oromiyaa Godina Lixa Shawaa, Godina Horroo Guduruu Wallagaa, Godina Bahaa  Wallaggaa, Godina Lixa Wallaggaa , Godina Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraatti haala  walfakkatuun uummanni walga’ii Wayyaanee balaaleffachaa jiras. Jaalalli uummaatni  Oromoo ABOf godinoota kana keessatti qabu ammaas ABO jechuun uummata Oromoo  jechuudha jechuun. Utuu hin jaalatiin dhugaan qabatamaan lafa jiruu uummaatni hundi akka  miseensa fi deeggaraa ABO ta’uu ta’ee jira.
Shirrii wayyaaneen akka tooftatti itti fayyadamuuf yaalii godhaa jirtu uummaatni akka ABOf  deeggarsa laatu godhee jira. Wayyaaneen shira ofiin qopheessite qaanii isheetti uffise kanatti  naasuu guddaa keessa seenuun waan qabdee gadhiiftu dhabuun walnyaachuutti deebite jirti.  Akkuma Oromoon yeroo mammaakuu ”Gowwaan kan dandeessuu dhaani jennaan galee niitii  isaa reebee” jedhan Wayyaaneen haala ishee mudatee jiruu keessaa ba’uu akka hin dandeenye  waan hubateef niitii ishee OPDO doorsisuutti deebite. OPDO’n waggaa 23 keessatti uummata  amansiisuu hin dandeenye, ABO’s dhabamsiisuu hin dandeenye, har’a daa’imman waggaa 5ni  oliiyyuu ABO faarsaa jirti jechuun OPDO mudduun kun dhalatee jira.
Ergamtuun Wayyaanee OPDO’n muddama gooftolii ishee kanaan jeequmsaa keessa seenuun  diigamaa jirti. Yeroo ammaa kanas waldhiddaa guddaan jeequmsa keessa OPDOtti dhalateen  diigamtee badaa jirti.
Sochii Warraaqsaa Qeerroon barattootni Oromoo qabsiisaan birmannaa uummataa biyya  keessaa fi addunyaa irraatti fudhatamaa fi dhageettii waan argateef, Wayyaaneen haalaan  waan sodaatteef sochii kana danquuf barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo irraa gara maatiitti boqonnaaf deebi’anii maatii bira jiran maqaa walga’ii barattoota jedhuun diraamaa
kijibaa fi ololaa sochii eebbifamaa bilisummaa uummata Oromoo kabachiisuuf jiru kana dura  ittin dhaabbachuuf butattee asii fi achi fiigaa jirti.
Walga’ii kana FDGtti jijjiruuf Qeerroon barattootni Oromoo qophii barbaachisuu ummuruun  akkuma eegaa jiran, ammas kunis wayyaanee yaaddoo ulfaataa keessa galchee jira.  Wayyaaneen Sodaa guddaan waan muddamtee jirtuuf walga’ii barattootaa kanas dhiisuu,  gaggeessuu utuu jettuu har’a geessee waan qabdee gadiiftu waan dhabdeef walga’icha  gaggeessuun dura shira qopheessite jirti. Shirrii Wayyaanee kunis:
  1. Barattoota duraan Godina dhaloota keessanii fi Yuunibarsitii isinitti dhiyaatutti ta’a  jechuun kan dubbatee turte, amma dubbiin itti hammachaa waan jiruuf barattoota Godinaalee  sodaatan irraa wal jala dabarsuun teesisuuf murteessite jirti. FKN barattoota Oromoo Godina  lixa Wallaaggaa jiran Yuunibarsiitii Jimmaatti teesisuuf, kanneen Amboo jiran immoo lixa  Wallaggaa geessuuf, kanneen Adaamaatti waamaman Harommayyaatti geessuuf yaadan  waldhahaa keessa galtee jirti.
  2. Barattoota miseensota OPDO ta’an dursitee teesisuuf waamuuf murteesitee jirti.  Barattootni Oromoo immoo nuti barattoota Oromoo dhaloota qubeetii malee OPDO’ miti  jechuun miseensummaa OPDO balaaleffachuun icciitii akka miseensatti itti himamee  barattoota Oromoo hundaaf ibsaa jiru.
  3. Barattoota gargar qoqqoodanii teesisuuf yaala jiru. Akka siirnoota darbanii gochaa turan  Oromoon akka yaadaan wal hin hubanneef jedhanii waan yaadaniifi Oromoo qoqqoodanii  bituun dhaabbachuu qaba jechuun goototni barattootni Oromoo dhalootni qubee dhaamsa  waliif dabarsaa jiru.
  4. Guyyaa walga’iin kun itti waamamee jiru jijjiiruu murteeffattee jirti. Qophiin FDG  barattootni gochaa jiran haalan cimaa fi sirna kan qabu waan ta’eef guyyaa walga’ii jijjiruu  qabna jechuun wayyaaneen walga’ii hagayyaa 10/2006 A.LH tti waamtee jirtu gara hagayyaa  13 fi 14/2006 A.LH tti akka jijjiramu murteesuun dubbatama jira.
Walumaa galatti goototni  dargaggootni qeerroon baratootni Oromoo walga’iin wayyaaneen gaggeessuuf wan qabdee  gadhiiftu dhabdee wawwaachaa jirtu kana dura dhaabbachuuf iyyannoo marsaa 2ffaa jedhuu  kan gaffii 10 of irraa qabu qopheeffaachuun guutummaa Oromiyaa irratti barattoota Oromoo  hundaaf kard copy, fi Softcopy isaa waliif raabsaa jiraachuun qophii barbaachiisu
xummarachaa jiraachuun ibsame jira. Kana malees barruulee warraaqsaa ergaa gaggababaa fi  bineensummaa Wayyaanee saaxiluu fi suuraa ilmaan Oromoo warraqsa irratti wareegamanii  waliif raabsuu irratti argamu. Wayyaaneen barattoota Oromoo wal jala jijjirtuus, bakka  walga’ii jijjirtuus, guyyaa walga’ii jijjirtuus, ilmaan habashaa afaan Oromoo danda’anii fi  Oromiyaa keessatti dhalatan miseensa OPDO gootee dursitee walitti qabuuf yaaltus kun  sochii keenya matumaa gufachiisuun hin danda’uu jechuun dhaamsa waliigalaa Waliif  dabarsina. Biyya keenya Oromiyaa keessa naannoofnee uummata keenya dammaqfachuun,  mirga uummata keenyaa kabajamuu fi mirga abbaa biyyummaa uummata keenya eegsisuun  murtoo keenya jechuun dhaamsa dabarfachuu barbaanna. Maayyii irraatti ilmaan Oromoo hundi bakka jirtanii ka’aa FDG itti fufa mirga keenyaaf falmanna, Dimookiraasii fiduuf  falmanna, Oromoo bilisoomsuuf falmannaa, Oromiyaa walabomsuuf kutannoon kaanee ka’aa! Oromoo jechuun waamichaa wal irraa hin citne dabarfaachaa jiru.
Injifatnoon uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Hagayyaa 16/2014
Source: Qeerroo.org

No comments:

Post a Comment