Monday, August 18, 2014

Ergmtooti Wayyaanee Dr. Mitiku Tesso fi Dhabaa Dabalee Sirna Nama-nyaataa Wayyaaneef falmuuf Washington, DC galan

Ayyaantuu.com | Waxabajjii/June 08, 2014
Dr. Mitikkuu Teessoo, Pirazdantii Univarsity Amboo
Dr. Mitikkuu Teessoo, Pirazdantii Univarsity Amboo
Miseensota OPDO fi ergamtoota sirna abbaa irree TPLF/Wayyaanee kan ta’a Dr. Mitikkuu Teessoo fi Obbo Dhaabaa Dabalee Washington, DC Ameerikaa akka galan beekame.
Prezidantii Univarsity Ambo kan ta’e Dr. Mitikkuu Teessoo fi miseensa Koree Gidduu OPDO kan ta’e Dhaabaa yeroo ammaan tana sochii Fincila Diddaa Gabrummaa fi gaaffii abbaa biyyummaa barattooti, dargaggooti fi ummati Oromo marti jabeessanii geggeessaa jiran, ajjeechaa, hidhaa, reebicha fi gara dabarsuu humni Agazi fi tika TPLF ummata Oromoo irratti ifaa fi dhoksaan geggeessaa jiru gara dabarsuuf murna gita bittaa bicuu Wayyaanee golguuf ergama jabaa fudhatanii akka bobbaafaman bira gayamee jira.
Ergama isaanii kanas gara Ministeera Haajaa Alaa Ameerikaa ykn State Department deemanii gochaa sukkanneessaa humni Agazi Oromiya keessatti raawwachaa jiru akka hin raawwatanetti sobaan dhugaa bahuuf akka adeemaa jiranis sabboontonni Oromoo irra gahuun beekmeera.
Ergamtooti diinaa kunneen sirna Wayyaannee duguuggaa sanyiitiin gaafatamuu qabuuf wabii dhaabbachuudhaan dhiiga lammii isaanii fi ijoollee Oromoo irra tarkaanfachuudhaan yakka seeraa fi seenaan yoomiyyuu itti isan gaafachiisu raawachaa akka jiranis hubatameera.
Yeroo ammaan tana Dr. Mitikkuu fi obbo Dhaabaan Washington DC keessa hoteela Hilton Garden kan 815 14th street NW, Washington DCtti argamu keeysa kan qubatan yoo ta’u bilbilli hotelichaas 202-783-7800202-783-7800 ta’uun barameera.
Kanaaf, lammiin Oromoo Washington DC fi naannoo ishe jiraatan marti akkuma hiriira nagaa ji’a dabre irratti tokkummaan bahee sagalee lammii isaanii dhageessise ammas gamtaan ta’uudhaan gochaa farreen mirgaa fi haqa Oromoo ta’an kana dura akka dhaabbatu sabboontonni waamicha isaanii dabrsaa jiru.

No comments:

Post a Comment