Gabaasa Qeerroo Jimmaa,Hagayya 09,2014

OromiaALutaContinua2011FDGGaafa guyyaa Hagayyaa 7,2014 Waaree booda irraa eegaluun sakkatta’insaa konkolaataa, taskii, fi bajaajiin illee utuu bira hin darbamiin guutummaa Magaalaa Jimmaa keessa poolisoota bobbaasuun sakkata’insaan uummata goolaa jirti.
Guyyaadhuma kana galgala keessa sa’aatii 12;00 irraatti mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti FDG barattoota barnoota gannaa barachaa jiraniin hiriirrii mormii barattoota hedduu ta’aniin sababiin guddaan hiriira kana mootummaan Wayyaanee bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmaatti dhimma ba’uun hordoftoota Amantaa Kiristanaa Ortodoksiif nyaataa soomaa waan qopheessuu fi didaniin hordoftootni amantaa kiristana hundi mooraa Yuunibarsiitii jimmaa main campus keessatti hiriiruun hanga halkan sa’aa 1:00tti mirgii amantaa keenyaa nuuf haa kabajamuu jechuun mormii guddaa dageessisaniru. Godinicha keessatti erga FDG qabsiifamee mootummaan Wayyaanee raafama ulfataa fi kasaaraa siyaasaa keessa seenuun mirga lammiiwwanii sarbuu aadeeffate jira.
Waliigalatti mootummaan Wayyaanee erga gita bittaa habashootaa ammayyeessun aangoo biyyattii afaan qawweetiin qabatee eegalee hanga har’aati sodaa fi raafama irraa boqonnaa argatee hin beeku. Mootummaan abbaa irree wayyaane afaanin biyyattiin sirna mootummaa dimokiraatawaa fi tarsiimowaan geggeeffamti jechaa dhoksaan immoo ilmaan saba cunqurfamoo lubbuu waliin hallayyaatti darbachaa jira. Gochi bineensummaa Wayyaaneen guyyaa guyyaan dhala nama irratti dalagu kun immoo namoonnii wal tumsanii mirga isaanif akka  qabsaa’an isaan taasisee jira. Keessattuu ilmaan Oromoo gabrummaa kana ofirraa mulqanii lafa kaa’uf murannoon hadheeffatanii sodaa tokko malee qabsootti akka seenaan taasisee jira. Haala kanaan yeroo amma kanatti guutummaan Godina Jimmaa uummaatni ija shakkiitiin akka ilaalamu ta’ee jira. Sabboontootni Oromoo Godina Jimmaa mirga keenya ofiin kabachiifachuuf bakka jirruu Qeerroo bilisummaa Oromoo cina dhaabbannee gaaffii mirga abbaa biyyummaa karaa nagaa fi dimookiraasii gaggeeffamaa jiru bakka hundatti kaachisuun gaaffii keenyaaf deebiin nuuf kennamuu qaba jeennee FDG keessa qooda fudhachuu qabana jechuun dhaamsa waliif dabarsaa