Monday, August 4, 2014

Lixa Wallagga Najjoo,Ganda Giddaa Daallee Irratti Ijoollota 8 Irratti Yakka Malee Hidhaan Baatii 6 fi Qarshiin 400 Itti Murteeffame‏

Gabaasa Qeerroo Magaalaa Najjoo Ganda Giddaa Daallee Irraa Hagayya 4/2014 Addeessuun guyyaa har’aa maqaa ABOtiin, farra mootummaa keenyaa,leellistuu ABO fi kanneen uummata keenya kakaasan,ABO faarsan jechuudhaan godina wallagga lixaa aanaa Najjoo ganda Giddaa Daallee jedhamutti sabboontota barattoota oromoo nama 8 irratti hidhaan baatii 6 fi qarshiin 400 itti murteeffame. Barattoota kana yeroodhaa yerootti hordofuudhaan hojii guyyuu isaanii kan mootummaa wayyaaneef dhiyeessaa ture qindeessaa mana barumsaa Giddaa Daallee kan tahe Barsiisaa Waaqgaarii Teessoo kan jedhamu ganda Giddaa Daallee keessa kan jiraatu yoo tahu ijoollotni kuni maqaan isaaniii akka armaan gadiiti:
1.Gaaddisaa Waaggaarii
2.Eebbaa Zarihun
3.Leencoo Fufaa
4.Yohaannis Birraatuu
5.Eebbaa Immiruu
6.Maatiwoos Indaaluu
7.Daanyee Gannatii
8.Toliinaa
Kanneen jedhamaniidha. Har’a itti murteeffamee mana hidhaa seenanii jiru jedha gabaasni Qeerroo magaalaa Najjoo ganda Giddaa Daallee irraa dhiyeessu.

No comments:

Post a Comment