Friday, August 29, 2014

Dirre Dawwaa Keessatti Rakkoo Bishaanii fi Ibsaatiin Wal Qabatee Uummanni Diddaa Sirna Wayyaanee Kaase,Waraanni Wayyaanees Naannoo Magaalaa Dirree Buufate‏

Gabaasa Qeerroo Dirre Qawaa,Hagayya 29,2014
diddaa9Akkuma beekamui motummaan Wayyaanee ummanni Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa baroota dheeraaf kaasaa ture ammas haala abdachiisaan itti fufee jiru kana irraa soda qauun, ka’ee uumanni yaadi isaa akka tokko hin taaneef basaasotaa fi dabballoota uumata keessa bobbaasuu tooftaa godhate,kana iratti dabalees uumanni Oromoo magaalaa fi baadiyaa keessa qubatee jiru rakkoolee adda addaaf akka saaxilamuuf tajaajila mootummaa irraan dhufu mara itti waakkate.
Oromiyaa keessatti yeroo ammaa uummatni Oromoo mootummaa Wayyaaneetiin bifaa fi kallattii adda addaatiin miidhamaa jiruuchutu gabaasonni adda addaa ibsa. Akka gabaasni Qeerroo Dirre Dawaa irra har’a addeessutti rakkoon bishaanii fi ibsaa mudatee jira. Keessattuu gandoota Hayiwwan,Ganda Qore kan jedhaman haala miidhama guddaa keessa jiru, miidhaa guddaan kan irra gahe gandoota kana qofa yoo ta’ellee akka walii galaatti Dirre Dawaa keessa rakkoo gurguddaan kun mudatee jiraachuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa. Dhimma kanaan wal qabatee jiraattootni sabbootno Oromoo magaalaa fi gandoota garagaraa Dirre Dawaa keessa jiraatan hunduu Fincla kaasuudhaan gaaffii mootummaa Wayyaanee irratti kaasaa jiraachuu gabaasi addeessa, gaaffiwwan uummanni jiraattotni rakkoo kana keessa jiran:
  1. Jireenya hawaasaa fi uumataa hanga hin jijjiirreeti akkamiin mootummaan biyya bulcha? Diimokiraasii bu’aa uummata eguu labsii labsachuu irra jireenyi hwaasaa baroota hanga aangoo isaanii irra turan keessatti jijjiiirame hin jiru, rakkoon bishaanii fi ibsaa sirraawuudhaaf mare mootummaa eegu,rakkoon kuni hanga yoomitti?
  2. Diingadee fi guddinni biyya keenyaa irra kan taa’eyyuu mootummaadhuma biyya kana bulchaa jiruudha,nurratti guddachaa gudiin biyaa odeessuun, akkasitti rakkoo kanaan saaxilamnee guddina isa kamtu ta’e? maaliin kan madaalameedha guddinni biyyaa?
  3. Nuti rakkoo keenya kan himannuu fi dheebuu bishaanii fi dukkana keessa kan jiraannu nuuf furmaatni haata’u jennee gaaffii qabnu dhiyeeffanne maaliif mootummaan waraana isaa nukeessa tamsaasa? Humni waraanaa federaala irraa dhufee as qubate kuni ammatti naannoo kan gadhiisu tahu baannan tarkanfii barbaachisuun ititi fufna kan jedhuun uummanni akeekkachisa gochuu fi rakkoo keessa jiru himachuu irratti kan bobbaheedha.
Kana jedhuun ummani rakkoo kana keessaa bahuudhaf gaaffii garagaraa dhiyeessaa jira,mootummaan Wayyaanee uummanni rakkoo isaa kan himatuuf jecha humna waraana isaa naannoo san kan qubachiise tahuu akkasuma namootni Oromummaan isaanii of mul’isuu fi sabboonummaa qaban tikootaa fi basaastotaan kan hordofamaa jiran akka tahe gabaasni Qeerroo addeessa.
Dimshaashatti jiraattotni uummanni Oromoo Dirre Dawaa keessa jiraatan gaaffiwwan mirgaa gaafachu fi rakkoo keessa jiran ibsachuu irratti kan argamaniidha, kanumaan fincilli magaalaa Dirree Daawaa keessatti uummataan qabatee kan jiru tahuun mootummaan sodaa irraan humna waraanaa naannoon san qubachiisee akka jiru gabaasni Qeerroo addeessa.

No comments:

Post a Comment