Sunday, August 17, 2014

Oduu Gaddisiisaa fi Seenaa Gabaabaa Gooticha Barataa Biqilaa Balaay Toleeraa Posted: Hagayya/August 16, 2014 · Gadaa.com


10612714_1524183231149803_4332299572538006899_nGootichi Barataa Biqilaa Balaay Abbaa isaa Obbo Balaay Toleeraa fi Haadha isaa Aadde Siccaalee Mul’ataa Abdataa irraa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Habaaboo Guduruu ganda Caalaa Fooqaa keessatti bara 1991 A.L.Otti dhalate. Dhalatees Hiriyyoota isaa waliin taphachuu, Seenaa baruuf tattaafachuu fi barsiisuu kan jaallatu sabboonaa qaroo ilma Oromooti. Barataa Biqilaan guddatee barnootaaf akka gahetti bara 1999 A.L.Otti mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Caalaa Fooqaa seenuudhaan kutaa 1ffaadhaa hanga 8ffaatti barate. Barnoota isaa sadarkaa lammaffaa mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Kombolchaa seenuudhaan kutaa 9ffaa fi 10ffaa barate. Barnoota isaa Cinaatti ilmaan Oromoo sabboonummaa barsiisaa gama kallattii garaa garaadhaan QBO keessatti qooda olaanaa fudhachaa kan ture bara 2009 A.L.Otti kutaa 10ffaa akka xumureen Koollejjii Horroo Guduruu magaala Fincaa’aa seenuun bara 2011 A.L.Otti muummee Veternarydhaan eebbifame. Barataa Biqilaa Balaay dhiibbaa mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo irraan geessu argaa bira kan hin dabarre QBO keessatti qooda fudhachaa kan as gahe Fincila diddaa garbummaa bara 2014 dhimma naannawa lafa Finfinnee qabatee dhoheen magaala Amboo keessatti hiriira barattootnii fi Uummatni gamtaan gaafa Ebla 25, 2014 gaggeessan keessatti qooda fudhachuun rasaasa mootummaa wayyaaneedhaan sa’a 12:29 PM irratti mataa rukkutame. Rukkutamees waldhaansaaf gara Hospitaala Xiqur Ambasaa guyyaa sana kan fudhatame yoommuu tahu maallaqa hedduu dhangalaasuudhaanis waldhaansa olaanaa irra ture. Waldhaansi olaanaan taasifamus rukkuttaa bakka hamaa rukkutamee fi waldhaansa taasisfameen qorichi kennamaafii ture mataa isaa keessaa rasaasa baasuuf yaalii godhamaa ture summii itti tahuun gaafa hagayya 11 bara 2014 Addunyaa kana irraa du’aan boqoteera.
Ajjeefamuu Barataa Biqilaa Balaayii fi ilmaan Oromoo mirga isaanii falmaaf bahan irratti taasifamaa jiru Qeerroon Bilisummaa haalaan balaaleffata. Jaarmayaan Qeerroos Gadda itti dhagahame ibsachaa gumaa Barataa Biqilaa Balaayii fi ilmaan Oromoo mara deebisuuf haala yeroo kamuu olitti kan hojjetu tahuu isaa ibsata.
Maatii Barataa Sabboonaa Oromoo Biqilaa Balaay, Firoottan isaa, Hiriyyootaa fi Jaallan isaaf Qeerroon Bilisummaa jajjabina hawwa. Mootummaan wayyaanee ajjeechaa sukkanneessaa ilmaan oromoo irraan gahus QBO duuba akka hin deebisne ibsina.
Qabsaa’aan ni kufa!
Qabsoon itti fufa!

No comments:

Post a Comment