Sunday, August 24, 2014

Biliyoonni hagamiituu dhangalahu, hololli akkamiituu gaggeeffamu qabsoo ummanni Oromoo bilisummaa isaaf gaggeessaa jiru hin dhaabu!

Baarentuu Gadaa irraa | Hagayyaa 24, 2014
Tibba kana mootummaan wayyaanee qabsoo ummanni Oromoo Bilisummaa isaaf taasisu, FDG sabboontonni barattoonni dargaggoonni Oromoo gaggeessaa jiran dhaamsuuf mahalaqa ummataa Biliyoonaan lakkaawwamu seera malee dhangalaasee sirna isaa tursiifachuuf yunivarstiilee garagaraa keessatti holola adda addaa gaggeessaa jirti. Holola kanaafis kan inni irratti xiyyeeffannoo fi ijoo godhatee filatte barattoota Oromoo Yunivarstiilee garagaraatti baratanii dha.
Walatajjii maqaa nageenyaa, bulchiinsa gaarii, dimokraasii fi misoomaatin qarshiin biliyoonaan lakkaawwamu itti dhanagalahee yunivartiilee adda addaa keessatti qophaawe kanarratti maaf akka barattonni naanno Oromiyaa heddumminaan hirmaatanif xiyyeeffannoon adda itti kenname jennee yoo gaafanne namni deebii isaa hin beekne hin jiru. Deebin isaa ifaa dha. Kaayyoon isaa ijoon FDG barattoonni Oromoo finiinsaa jiran toftaa fi afan fajjii adda addaa itti uumuun ukkaamsuuf carraaquu dha. Maqaa nageenyaa fi misoomaatiin holola adda addaa facaasuun sabboontota barattoota dargaggoota Oromoo qabsoo bilisummaa saba isaaniirraa gufachisuuf yaaluu dha. FDG guutuu Oromiyaa keessatti barattoota daragaggoota Oromootin taasifamaa jiru gocha namoota muraasaa fakkeessuufi.
Wayyaaneen holola maqaa marii nageenyaa fi misoomaa jedhuun qopheeffatte kana milkeeffachuuf horii ummataa biliyoonaan lakkaawwamu maqaa durgoo fi kennaa adda addaatiin facaasaa jirti. Qarshii maqaa gibiraa fi gargaarsaatin argame hojii misoomaa; kan rakkina ummataa furuurra oolchuu dhiiftee hololaaf olchaa jirti. Qabsoo ummanni Oromoo bilisummaa isaatif taasisaa jiru ittiin ukkaamsuuf dhanagalaasti. FDG fi gaaffii mirgaa barattoonni Oromoo gaggeessaa jiran maqaa konfiransii nageenyaa fi misoomaa jedhuun haguuguuf dhamaati. Akkuma argaa fi dhagahaa turre barattoota boqonnaaf maatii isaanii bira turan gara yunivarstiilee gara garaatti geessuuf Otobisii kumootan lakkaawwaman kireeffattee deddeebisaa turte. Durgoo fi mahalaqa biliyoonaan lakkaawwamu maqaa durgoo fi mahaalaqa kiisiitiin barattootaa fi kaadiroota ishii warra gabrummaa jala jiraachuun gaaridha jedhanii hololaniif dhangalaasaa jirti. Qarshiin misoomaaf oolu danda’u biliyoonaan lakkaawwamu kun kan dhangalahaa jiruuf ammoo misoomaa fi guddina biyyaatif osoo hin taane, wayyaaneen akka ummattoota cunqurfamoo keessattuu ummata Oromoo saamaa jiraatuf ta’un eenyu jalaawuu dhokotaa miti. Ummanni Oromoo garuu bishaan, waldhaansa fayyaa, ibsaa, daandii fi tajaajila bu’uuraa garagaraa dhabuun dararamaa jira. Yoo bu’uuraalee misoomaa kana gaafates kan isa eeggatu maqaa miseensa ABO ti jedhuun hidhamuu, dararamuu fi ajjeefamuu dha.
Holola tibba kana barattoota Oromoorratti xiyyeeffachuun qophaawe kanarratti warreen maqaa Oromootin hirmaachuuf dorgoo gurratanii yaa’aa turan eenyu jennees yoo gaafanne harki guddaan dhalattoota Oromoo miti. Baayyeen isaanii ilmaan Habashootaa warreen sababa garagaraatin gara Oromiyaa dhufanii jiraatanii dha. Warra dhimmi Oromoo isaan hin laallanne ykn ammoo warreenuma akka abboottan isaanii gabrummaa ummata Oromoo hawwanii dha. Gariin ammoo warra Oromoo ta’anii sammuun alagoomanii fi mirga Oromoo dabarsanii alagaaf kennanii dha; Kanaaf ragaa guddaan dhaabbata TV fi raadiyoo Oromiyaa jedhamuu dha. TV fi Raadiyoon kun ennaa barattoonni holola wayyaanee dhagahuuf gara yunivarstiilee akka deeman taasifaman, wayta gabaasaa turetti akka argaa fi dhagahaa turreetti afaan isaan ittiin haasa’aa turan afaan gabroonfattootaa ti. Harki guddaan afaan Oromoo hin beekan. Kanneen beekanii fi konfiransii wayyaanee kana dursanii faarsaa turanis dabballoota sirnichaa ta’uun eenyu jalaawuu dhokotaa miti.
Ilmaan Oromoo sabboontonni waltajjii wayyaaneen qopheeffatte kanarratti hirmaatan yoo jiraatanis baayyeen isaanii ykn guutumaa guutuutti karaa nama jechiisiisuun kan gara walatajjii wayyaaneen maqaa nageenyaa fi misoomaa jedhuun qopheeffatte kana deeman Sodaachisa dabballoonni wayyaanee maati fi isaanuma barattootarratti raawwataa turanii fi jiraniin akka ta’ee beekamaa dha. Dabballoonni wayyaanee kun mana maatii barattoota sabboontoota Oromoorra deemuun yoo ijoollee teessan gara konfiransii kanaatti erguu baattan baruumsarraa ari’amu, waraqaa ragaa ittiin hebbifaman hin argatan, heebbifamanii bahanis carraa hojii hin argatan jechaa turan. Kana bira darbees barataan konfiransii kanarratti hin hirmaanne miseensa ABO ti, goolessaa dha, jechuun akka cinqaa fi goolaa turan kan quba hin qabne hin jiru.
Wayyaaneen holola Yunivastiilee gara garaatti addatti barattoota Oromoorratti xiyyeeffachuun qopheeffatte kanaan FDG Oromiyaa keessatti finiinaa jirun dhaamsa jettee yaaddus kaayyoon ishii kun bu’urumarraa kaayyoo dogooggoraa dha. Gongumaa yaanni kun kan milkaawus miti. Barataan Oromoo kan fincilaa turee fi jiruuf ummata isaa gabrummaa jala jiru; gabrummaa jalaa baasuuf malee feedhii xixiqqaa dhunfaa isaatif jechaa miti. Barattoota dargaggoota Oromoo kaayyoo guddaa akkasiitif qabsaawan holoola turban tokkoof dabballoonni wayyaanee fi ergamtoonni ishii taasisaniin ni ukkaamama jedhanii yaaduun of gowwoomsuu dha. Barataan Oromoo qabsoo Oromoon bilisummaa isaaf taasisu fuundura dhaabbatu gongumaa hin jiru. Yoo jiraates inni lammii Oromootii miti, inni takkaan ilmuma ergamtootaa ti. Innuu gita diinota Oromoo ti malee Oromoorraa firummaa hin qabu. Namni ani Oromoo dha ofiin jechaa maaf ummanni Oromoo gabrummaa jalaa bahuuf fincila jedhee dubbatu farra ummata Oromoo ti; ifatti inni diina Oromoo ti. Gongumaa fira ummata Oromoo tahuu hin danda’u.
Walatajjii hololaa yunivarstiilee garagaraa keessatti wayyaaneen qopheeffatte kanarratti Barattoonni sabboontoonni Oromoo baayyeen akka hin hirmaatin beekamaa dha. Sabboontonni Oromoo baayyeen sodaachisa, hidhaa fi dararaa wayyaanee tuffachuun walatajjiilee hololaaf qophaaye kanarraa hafaniiru, sabboontoonnii dirqamanii gara walatajiilee holola wayyaanee kana deemanis ergamtoota diinaa miseensoota Opdo gaafii adda addaatin sarduu caalaayyuu, fincilaan akeeka isaanii hongeessaa jiran.
Gaafiilee jajjaboo kanneen akka ajjeechaa, hidhaa, dararaa fi saamicha ummata Oromoorratti wayyaaneedhaan gaggeefamaa jiru kaasuun akka rakkisaa turanii fi jiran hirmaattoonni ibsaa jiru. Gaafii fi yaada jajjaboo barattoonni sabboontonni Oromoo kaasaa jiran kanaanis Yunivarstiilee hedduu keessatti kaayyoon wayyaanee inni ajjeechaa fi saamicha ummata Oromoorratti raawwataa jiru dhoksuuf karoorfate harkaa fashalaa jira. Konfiransiin nageenyaa fi misoomaa jedhu kan bara bittaa wayyaanee dheeressuuf qophaawe kunis gara konfiransii durgoo biliyoonaan lakkaawwamu nyaatanii galuutti jijjiramaa jira. Walatajjichi FDG dhaamsuu miti ofiifuu madda Fincilaa ta’aa jira. Gaafiin ummata Oromoo; barattoota Oromoo sodaachisuun, hidhuu, ajjeesuu fi walagahii torbee teechisuun kan furamuu miti. Gaafin ummata Oromoo kan furmaata aragatu gaafa ummanni Oromoo bilisoomee dha. Gaafa ummanni Oromoo abbaa biyyumaa isaa mirkaneeffatee dha.
Wanti kanaan ala jiru hunduu bara bittaa wayyaane dheereessuu malee faayidaan inni Oromoof qabu hin jiru, qabaachus hin danda’u. Yeroo ammaa kana akka gabaafamaa jirutti osoo wayyaaneen waltajjii adda addaarratti holola nageenyaa fi misoomaa jettee afuufaa jirtu gootonni daragaggoonni, barattoonni Oromoo FDG jalqaban jabeessanii itti fufaniiru. Kunimmoo holollii fi maahaallaqini biliyoonaan lakkaawwamu dhanagalahuun haqa dhoksuu, kaayyoo dabsuu akka hin dandeenye mirkaneessa. FDG jalqabame jabeessanii itti fufuun ammoo dirqama lammii Oromoo maraati jechaa hojii gootummaa barattoonni Oromoo hojjechaa jiran haa jajjabeessinuun dhaamsa kiyya!

No comments:

Post a Comment