DIDDAA 2Hagayyaa 29,2014 Mootumman Wayyaanee EPRDF gaaffii mirgaa uumanni Oromoo gaafataa jiruu fi diddaa sirnichaa bakka hundaa itti qabatee jiru dura dabbachuu fi sochii qindaa’aa uummata hunda hirmachisaa jiru irraa soda guddaa keessa seenuun hojjetoota mootummaa sadarkaa garaagaraa irra jiraniif  maqaa mindaa hojjetoota parsentii(%) guddaan daballee jirra jedhuun ololli ofaama ture fincilaa hojjetootaa qabsiisaa jira.
Godina Jimmaatti barsiisotni kolleejjii barsiisota Jimmaa maqaa daballii mindaan walqabatee olollii ofamaa ture kan mirga keenya sarbudha malee mirga keenya hojjettootaa waan kabachiisuu miti, mootummaan kaleessa mindaan keessan persantii guddaan jechuun parseentii 58% fi isaa oliin isiniif dabalamee jira jechuun FDG dargaggootni Oromoo fi uummatni Oromoo waliigalatti gaggeessa jiru  fuul-dura dhaabbachuun sochii karaa hojjetoota dhalachaa jiru dhaamsuuf olola isaa butatee  fiigaa tur.Mindaa hojjetoota barasiisota koollejjii kanneen wajjiraalee secteroota garaagaraa irra hojjetanii 28% perooliin akka hojjetamuu yeroo murtee dabarsan warrii mootummaa naannoo Oromiyaa bakka buuna jedhan OPDO’n mallatteessuun yeroo fudhattee soba Wayyaaneen dura 58% tiin miindaan keessan isiniif dabalame jechuun ololaa ture, ammo gara 28% gadi buusuun peroliin akka hojjetamuu gochuun FDG tti barsiisotni fi hojjetootni Aanotaa fi sekteroota garaagaraa irra hojjechaa jiran akka seenan ta’ee jira.
Adeemsa Wayyaaneen daballii mindaa 58%tiin dabalee jettee gara 28%tti gadi deebisuun hojjettootaaf akka kanfalamuu gochaa jirtuu kana naannoo Oromiyaa qofa keessatti malee naannooleen Amhaaraa , Tigiraay  fi Kibbaa hin hin mallatteesinuu mediadhan ibsa godhaa jechuun kan morman yeroo ta’uu ergamtootni Wayyaanee Oromiyaa bulchaa jirra jettuu immoo mallateessuun fudhachuun haalan kan hojjetoota dheekamsiisa jiru yeroo ta’u, guyyaa har’aa kana yeroo dhagaa’an barsiisotni Oromoo kolleejjii barsiisota Jimmaa barnoota gannaa barsiisaa jiran guutummaatti hojii dhaabani mirgi keenya kabajamuu qaba. Mindaan kan nuuf dabalamus yoo ta’ee ogeessa waan taaneef gatii Ogummaa keenyaa tajajila kenninuuf malee mirga keenya sarbuuf bilisummaa keenya mulquuf kan dabalamaa jiruu fi olola sobaa ofaamaa ture hin fudhannu jechuun hojii barsiisuumma dhaaban.
Mootummaan Wayyaanee sochii FDG biyya keessatti gama hundaan hudhee isa qabee jirun aangoo irra darbamuuf kan jiru yeroo amma kanatti gaaffiilee gama hundaan hudhanii Wayyaanee qabanii jiraniif deebii tokko illee dhabuun uummata sodaachisuu qofaaf jedhee humna waraanaa off harkaa qabu konkolaatatti fe’ee Oromiyatti guura jira. Adeemsi kunis mootummaa wayyaanee kufaatii irra kan hin olchine ta’uu fi mirga ofii caalmatti akka falmataniif kan nama kakaasuu malee duubatti kan nama hin deebisne ta’uun ibsama jira.