Thursday, August 21, 2014

Breaking News: Hagayyaa 20, 2014 FDG Marsaa 2ffaan Godina Lixa Shawaa Yuunibarsiitii Amboo Keessatti Goototata Dargaggoota Oromoon Qabsiifame

Goototni barattootni Oromoo Lixa Shawaa Yuunibarsiitoota biyyatti garaagaraa irraa baracha turanii boqonnaaf maatii isaani bira utuu jiranii Wayyaaneen maqaa walgaii farra uummata Oromoo ta’ee fi farra qabsoo bilisummaa Oromoo ta’een gaggeessuuf akkuma Yuunibarsiitii Ambootti walitti qabdeen guyyaa haraa saaatii 10:30 irratti akkuma wayyaaneen walitti qabdee Orientation kennuufii eegalteen goototni batattootni Oromoo gaaffii irratti roobsuun Iyyaannoo isaanii kan qabxii 10 of irraa qabu itti kennachuun gaaffii keenyaaf deebiin hanga nuuf kennamutti walgaii wayyaanee waliin hin teenyu, wayyaaneen diina keenya, hirimii keenya kaleessa daaima umrii waggaa 7 hanga manguddoo waggaa 80tti ajjeesa turtan dhiignii ilmaan Oromoo lafa hin qoorree akkamitti walgaii biyyooleessa qopheessuun walitti nu qabuu dandeessan, waraannii haga kana baayatu magaalaa Amboo fi Unibarsiitii Amboo keessa qubsiifamee jiru kun maal nurraa eega. Erga walgaii taee waraanaan dorsifamaa maqaan walgaii jedhu kun maalii? Amma gabaabaattii gaaffii barreeffamaan isinitti dhiyeeffamnne kanaaf deebii nuuf kennaa, Gaaffii mooraa Yuunibarsiitii keessatti baatii Eblaa 11/2014 irraa egaaluun isin gaafachaa turreef deebiin nuuf kennamuu qaba, ilmaan Oromoo sababa gaaffii karaa mirgaa fi dimookiraasii gaaffatneef ajjeefamanii mootummaan EPRDF itti gaafatamuu qaba, barattootni Oromoo hidhaman gaaffii tokko malee hiikamuu qabu, kanneen barnoota irraa Ariiataman gaaffii tokko malee barnootatti deebiuu qabu. Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo kabajamuu qaba, gaaffiin mirga namoommaa fi dimookiraasii gaafachaa jirru nuuf deebiuu qaba, Master Planiin Finfinnee guutummaatti haqamuu qaba jechuun iyyaannoo iyyannoo isaanii dhiyeeffachuun dhaadannoo fi Walleewwaan warraaqsaan ABO faarfatan.
Barattootni Oromoo Mooraa Yuunibarsiitii Amboo keessatti walitti qabamanii waraanaan eegamaaa jiran kun eraga gaaffii kaachisanii booda wallee warraqsaa fi dhaadannoo dhageesisuun -ABO nuuf dirmadhu, ABO karra nuuf bani:
- Baallammii gurrach garbuu WBO beektuu qeerransa muree bira darbuu,
- Korma guduruu ABOn leenchuma duruu jechuun Wallee warraaqsaa hedduun ABO hanga halkan keessa saaatii 4:00tti mooraa Yuunibarsiitii Amboo keessa naannauun sirban,
- Dhaadannoowwaan kanneen akka:
- Tokkumaa keenyaan harka walqabannee haa kaanu ni falmannaa,
- Ajjeechaan nurraa haadhaabbatu,
- Mirgii Oromoo haa kabajamuu, Oromiyaan kan uummata Oromooti,
- Ajjeechaa dugugginsa sanyii nurratti mootummaan wayyaanee rawwateef itti gaafatamuu qaba,
- Ilmaan Oromoo gaaffii nagaa waan gaafatneef hidhaman haa hiikaman,
- Master Planiin Finfinnee haqamuu qaba,
- Mirgi abbaa biyyuummaa uummata keenyaaf haa kabajamuu,
- Mirgootni namommaa fi dimookiraasii haa kabajamaan, kanneen jedhan mooraa yuunibarsiitii Amboo keessa naannauun dhageesisuun FDG marsaa 2ffaa dhoosaan. Haala rakkoo networkii ulfaata keessatti sagalee warraaqsaa kana warrabnee waan jirruuf gabaasa kana waliin walqabsiifneera dhaggeffadha, Oromoo bakka jirtanii nuuf dirmadhaa, Yeroon Gamtaan Falmannuu amma taa’anii bara lakka’uun doofummaa fi walaalummadha, Ka’ii Oromoo Ka’ii dhaamsa hoggansa sochii dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo fi koree qindeessitu FDG ti!

No comments:

Post a Comment