Wednesday, August 20, 2014

Oduu Ammee:-Mootummaan Wayyaanee Olola Guyyaa Boruu Eegaluuf Jecha Magaalaa Amboo Hoomaa Waraanaan Marse.



Hagayya 19,2014 Amboo

Wayyaaneen EPRDF guyyaa boruu walgahii ittiin uumata Oromoo afaan fajjeessuu kan marraa jalqabaa bifa ofii tolfateen as bahuuf deema.
barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo irraa boqonnaaf maatii bira utuu jirani, walga’iin afaan faajjiin kun qophaa’ee barattootni dirqamaan akka hirmaatan Wayyaaneen karoora dabarsite FDG gootota barattota Oromoo duraittin dhaabbachuuf jecha shira dinni Oromoo cabsee bituuf qopheesse ta’uu hubachuun goototni barattootni barattootni Oromoo shira Wayyanee dura dhaabbachuuf kutannoodhaan gara walga’ichatti aanotaa Oromiyaa irraa konkolatan guurama jiru
Sochii barattoota kana danquuf Mootummaan Wayyaanee hoomaa waraanaa daangaa irraa gara Oromiyaatti keessattuu gara Yuunibarsiitiiwwaan Oromiyaa kanneen akka Amboo,Jimmaa, Mattuu, Wallaggaa. Harammayyaa, Adamaa, Massage Walaabuu, Bulee Horaa kanneen jedhaman irra humna waranaa wayyaanee guddaan qubsiifamee uummata magalota kanneen irra jiran goolaa jira. Barattootni hedduun maqaa walga’ii kanaan wamamanii ukkanfamanii eessaa buuteen isaa illeen dhabamaa jiraachuu maddeen gabaasan.
Haala kanaan guyyaa har’aa magaalaa Amboo hoomaa waraan marfamtee akka jirtuu fi sodaan FDG nutti ka’a jedhu irraa barattoota warra walitti qaban uumatatti muldhisuu didanii waraanaan qabanii akka jiran gabaasi qeerroo addeessa.

No comments:

Post a Comment