Wednesday, August 13, 2014

Kora Gamtaa Miseensoota ABO Amerika Kaabaa kan bara 2014 Murtii Ejjennoo fi Kutannoolee

Hagayyaa 13, 2014
Aasxaa ABO-8.25.13Nutii miseensotni Adda Bilisummaa Oromoo kan USA fi Kanadaa Kora, ABO Amerikaa Kaabaa kan Marsaa  18ffaa bara kana magaalaa Minneapolis, Minnesota keessatti Adoolessa 7 fi 8 godhanneen, dhimmoota ciccimoo Jaarmiyaa, Siyaasaa akkasumas haala idil adunyaa irratti  gad fageenyaan marihannee murtii fi kutannoolee asiin gadi dabarfanne.
  1. Tokkummaa Mooraa Adda Bilisummaa Oromoo keessatti amma raawwateef deggersaa guutuu kennaa tokkummaan hojjechuuf murteeffanne. >
  2. Tokkoomuun humnoota Adda Bilisummaa Oromoo adaa wal-dhibdee siyaasaa gartuu sadaffaa malee furachuu keessatti boqonnaa haaraa banuu isaatti gamachhuu keenya ibsachaa, humnooti bilisummaa Oromootiif falman kanneen gali walfakkaata qaban hundi fakkeenya kana hordofuun  akkaa mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo daran cimsan waamicha goonaaf.
  3. Jaarmayaa keenya guddisuuf caasaale Adda Bilisummaa Oromoo yoomiyyuu caalatti bakka hundatti jabeessuu fi humneessuuf murteeffatne.
  4. WBOn gaachana QBO ta’uun mirkana ta’uu hubatnee, humna waraana keenyaa aynaa fi lakkoopsaan guddisuuf gama keenyaan qabeenya fi dandeetii feesisu gumaachuuf murteeffatne.
  5. Kallacha Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan ta’e dhaaba keenya ABO bifa hundaan jabeessine galii  keenyaa shaffisiisuuf tinnisa feesisu hunda godhuuf murteeffatne.
  6. Fincilli Diddaa Gabrummaa kan Dargaggootaa fi barattoota Oromootiin golee Oromiyaa maratti finiinaa jiru dinqisiifachaa, bifa wal irraa hin citneen akka itti fufuuf deggersa keenya dhamanna; waan nurraa eeggamuus gochuuf qophii tahuu keenya mirkaneesina.
  7. Shororkeessuummaa mootummaa Itophiyaa wayyaneen durfamu Ummata Oromoo nagaan hiriira ba’ee gaffi mirgaa gaafate irratti shorarkeesitummaa bifa hidhaa fi ajjeechaan raawwataa jiru gad-jabeessinee balaaleffatna.
  8. Ilmaan Oromoo hojii mootummaa keessa jirtaanii fi humna waraanaa Itoophiaa keessa jirtan hundi wayyaaneen diina ummata keessan fixaa jiru  ta’uu hubattani qawwee keessan gara diina Oromootti akka deebistan waamicha lammummaa isiniif goona.
  9. Tooftaa rakkashaa motummaan Itoophia/wayyaanee lafaa fi mana daldaluun Ummata keenya biyyoota dhihaa jiraatuu hawatuuf godhaa jiru hubatnee Hawaasni keenya bakka jiru maraa irra kanatti dammaqqee haxxee akkasii keessa akka hin seennef waamicha goonaaf.
  10. Imaammatni qircannaa lafaa motummaan Itoophia/Wayyaanee hordoftu Ummataa Oromoo dachee dhaloota isaa irra buqqaasuu irratti waan xiyyeeffateef jecha guutumatti balaaleefachaa, goochaa duguuggaa sanyyi kanaa Hawaasa Adunyaatti saaxiluuf akkasumas badii kana hanqisuuf dachaan akka hojjannu mirkaneesina.
  11. Kubbaaniyyootni, mootummootni fi namootni dhuunfaan lafa Ummatni Oromoo  irraa humnaan buqaafamaa jiru, bituun kaznaa Wayyaanee gabisuu if ummata irratti roorroo deemsifamaa jiruuf gumaachaa jiraachuu qofa otuu hin tahini, gurgurtaan akkasi heeraan ala akka tahe rakkoo inni booda fiduu malus tilmaamuun akka irraa dhaabbattan ni akeekkachiisna.
  12. Maqaa misoomaatiin Imaammattni magaalaa Finfinne baballisuuf Master Plan jedhamee hojii irra ooluuf labsame Imaammata duguugga sanyii Ummata Oromoo irratti xiyyeeffate waan ta’eef akka hojii irra hin oolle akeekkachiisna.
  13. Qabsoon Bilisummaa Oromoo yeroo fedheyyu deggersa Ummata isaa waan barbaaduuf Haawaasni Oromoo biyya alaa jirtaan Qabsoo Bilisummaa ABOn durfamuuf deggersi gootan akka dacha ta’uf dhaamsa lammummaa dabarfatna.
  14. Toofta mootummaan wayyanee Ummata keenya wal basaasisuuf maqaa tokko-shan jedhuun wal irratti ijaaraa jirtu, summii sabumma ta’uu isaa fi namoota nagaa walitti naquuf caasaa basaasumma mootumicha jiraachisuuf duwaa kan ijaarame ta’uu hubattanii akka caasichi hin hojjetneetti dammmaqinsaan akka ofiifii walis irraa of qulqulleessuun damaqiisnaan eeggannoo barbaachisu gootan dhaammanna.
  15. Tooftaa mootummaan wayyaanee sabaa fi sab-lammoota walitti buusuun umri isaa dheereffatuuf wixxifataa jirtu irratta damaquun Sabaa fi Sab-lammootni Olla Oromoo jirtan hundi akka irratti damaqxanii hariiroo ollummaa nagaa waliin qabdan kabajuun haxxee mootummaan wayyaanee isiniif qopheessite kana keessa akka hin seenne waamicha isiif goona.
  16. Hidhaan jimlaa dhiheenya kanaa dargagoota Oromoo 3000 ol ta’an maataa aaduun naanno Afar keessatti ugguree jiruu gocha sanyii duguuggaa waan ta’eef ilmaan Oromoo kun hatattamaan akka gad lakkifaman cimsinee beeysifna.
  17. Immaamatnii Barnootaa Wayyaanee Ummata Oromoo qofaatti baasee gad-qabuuf waan tilmaamame ta’un ifaa waan ta’eef Immaammatni Barnoota mootummaa wayyanee Oromiyaa keessatti diriire kun haal-dure tokko male akka ka’u akeekkachiisna.
  18. Motummaan Wayyaanee gochaa sanyi duguugii Oromiyaa eessatti gaggeessaa jirtu babal’ifachuun biyyoota olla keessatillee ilmaan Oromoo diddaa gabrummaaf baqatani bahan irratti raawwattu cimsinee balaalleefafanna. Mootummoonni baqatoonni kun itti baqatanii jiraniis mirga baqatummaa sadarkaa adunyatti jiru fi gochaa Wayyaanee mirga dhala namaa biyyoota isaanii keessattillee dhiitaa jirtu kana hubatani akka gargaarsa barbaachisu kennan gaafanna.
Injifatnoo Ummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Adoolessa 8, 2014
Mineapolis, Minnesota

No comments:

Post a Comment