Friday, August 8, 2014

Manni murtii waliigala Oromiyaa guyyaa kaleessaa galmee himata dharaa ilmaan Oromoo irratti dhiyaate ilaalee murtii akka kennu dirqame.‏

Q NEWS3AAGabaasaa Hagayyaa 7,2014 Ilmaan Oromoo 68 olitti lakka’aman Godina  Lixa Shawaa Mana hidhaa Kachallee Ambootti  kanneen kumaan lakka’aman  waliin erga jumlaan ukkamfamanii hidhamuun baatii 4 oliif dararama turanii  booda badii tokkoo malee dhiibbaa mootummaa abbaa irree Wayyaaneetiin  sadarkaa mana  murtii waliigala Oromiyaatti himanni dharaa irratti dhiyaatee guyyaa har’aa  beellama  marsaa 2ffaaf mana murtii waligala Oromiyaatti mana hidhaa Amboo  irraa konkolaataa poolisaan fe’amanii poolisootaan eegamaa wayita qajeelanitti sirboota warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo farsuu fi Oromummaa leellisuu sirbaa Magaalaa amboo irraa hanga Magaalaa Finfinnee  Mana Murtii Waliigala Oromiyaatti dabaree wal harkaa fuudhuun diina  Oromootti eenyummaa isanii argisiisan. hallii kun abbaa irree EPRDF yaaddoo  ulfaataa keessa galchuun cinatti Manni murtii Oromiyaa kiloo 6tti argamuu humnoota poolisaa, tikaa, fi hidhamtoota ilmaan Oromoo, maatii hidhamtootaa  fi namoota hidhamtoota bakka bu’uun ol iyyaannoo hidhamtootaaf deddeebisaa  turaniin guutamee muddama guddaa keessa kan olee ta’uu maddeen keenya bakka  bu’ootni Qeerroo bilisummaa Oromoo dhibba kana hordofuuf ramadamaan gabaasan.
Abbootiin seeraa fi abbaatiin alangaas himata sobaa kana fi sochii  tumsa hidhamtoota Oromoof maatii hidhamtootaa fi sabboontota Oromootiin  taasifamaa jiruun hedduu muddamuun mul’atera. Mootummaan Wayyaanees sochii  tumsa guddaa Oromoon waliif gochaa jiruun waan qabee gadhiisuu dhabuun,  dabballootaa fi poolisota isaa bobbaasuun dhiphina keessa seenee jiraachuun saaxilamera. Maatiin hidhamtootaa fi sabboontotni Addacha irratti argamuun  ilmaan keenya balleessa hin qaban bilisaan gadhiifamuu qabu, yoo xiqqaatee  hanga guyyaa har’aa badii malee hidhamuu isaaniif mootummaan gaafatamuu qaba. Mirgii wabii dura jalaa dhorkamee ture illee eegamuufi qaba jechuun  dubbachaa turan. Sabboontootni Oromoo dhaddacha nkana
nhordofan hundii gaaffiin mirgaa akkamitti maqaa shororkeessitummaan nama himachiisa jechuun, sagalee mormii qaban uummataaf ibsuun dubbiin kun sobaa fi jallinaan kan guutame waan ta’eef Oromoon gamtaan falmachuu qaba jechuun dhamsa dabarsan.
Haalli jiru baay’ee muddaa fi rakkoo guddaatti kan adeema jiru waan  ta’eef manni murtii waliigala Oromiyaa kanuma irraa ka’uun dhaddacha guyyaa  har’aa Oleen ilmaan Oromoo irratti himanni dhiyaatee soba, ragaa qabatamaa  kan hin qabne ta’uu hubachuun hidhamtoota irra caalaaf irra deebi”uun  qorannaan akka godhamuuf, Yakki dhiyaacha jiru kun shororkeessuummaa nama jechisiisa moo hin jechiisiisu kan jedhu illee irraa deebi’ame akka qoratamu dubbachuun beellama Hagayyaa 30/2006tti beellame jira.ilmaan Oromoo hidhamanii jiran immoo bilisaan gadi akka lakkifaman  gaaffii kaachiisan. haaluma kanaan manni murtii waliigala Oromiyaa muddamaa fi dhiphina guddaa keessa turte.

No comments:

Post a Comment