Q NEWS3AAQ NEWS3AAGabaasi Qeerroo Wallagga,Aanaa Manasibuu Hagayya 7,214 addeessuun mootummaan Wayyaanee namoota 6 maqaa ijaarsa hojii ABO jedhuu  fi uummata mootummaa irratti kakaastaniittu jedhuun guyyoota 17f mana hidhaa magaalaa  Aanaa Manasibuutti dararsaa tureeen booda wabii qarshii 2000tiin guyyaa kaleessaa jechuun Hagayya 6/2014 gadhiifamanii jiru.Namootni kuni mana hidhaatii haa bahaniyyuu malee ammallee boodarraan hordoftoota basaastota isaa itti tolchee waan isaan hojjetan akka gabaasaniif qopheeffatee jiraachuu isaa waliin gabaasni nu gahe addeessa. Namootni kuni jiraattoota aanaa Manasibuuti, maqaan isaanii:
  1. Abdii Taammiruu-Hoj-dhabaadha,nama umurii 29ti.
  2. Jaalallee-barataa kutaa 12ffati, umurii 27
  3. Abdiisaa Abraham-Daldalaa Bunaa fi Dhadhaati
  4. Dabalee Goobanaa-Qote bulaa fi hojii humnaa guyyaas kan hojjetuudha, nama umurii 35,
  5. Tuujjubaa Shaaroo-barataa kutaa 10ffaati,
  6. Hirphaa Disaasaa-Daldalaadha,jiraataama magaalaa Aanaa Manasibuuti,
Namootni kun kanneen uummata ijaaraniidha mootummaa irratti,siyaasa ABO biyya keessa tamsaasaa jiru,maddi fincilaas isaanuma jechuudhaan guyyoota 17 reebichi hamaan irratti raawwachaa tureera ammammoo wabii qarshii 2000tiin haa ba’aniyyuu malee isaan duukkaa basaastota tolchitee akak jirtus gabaasni nu Qeerroo gabaasa.