Wednesday, August 20, 2014

Faana Barattoota Yuuniversitii Irraa Boqonnaaf Galanii Hordofuun Mootummaan Wayyaanee Wallagga Keessaa Barattoota Dirqisiisuun Mattuu fi Naqamtetti Guuraa Jira.

thumbnail.aspxFaana barattoota Oromoo Yuuniversitii irraa boqonnaaf maatiitti galanii hordofuun Mootummaan Wayyaanee barattoota Wallagga Bahaa keessatti dirqisiisuun Mattuu fi Naqamtetti Guuraa jira.
FDG Oromiyaa keessatti barattoota Oromoon qabsiifame dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee waan hin godhin hin jiru,ilmaan Oromoo hidhuun,ajjeessuun,barumsa irraa ariyuun,qabeenyaa saamuun gonkumayyuu qabsoo Oromoo fi sochii diddaa gocha isaanii balaaleffachuun dura dhaabbachuu dhabamsiisu fi laamshessuu hin dandeenye. Yeroo ammaa akkuma beekamu qaamni sochii barattoota ilmaan Oromoon gaggeeffamu martiyyuu ABO tu qindeessa sababa jedhuun barattoota goolaa jira, sodaan mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa keessattii yeroo gannaa kana barattootaaf walgayi qopheessee jiraachuun isaa gama hundaan kan dhaamaamaa jiruudha,walgayiin barattoota Yuuniversitii fi Koollejjii irraa galaniif qophaayee kanatti hedduu gaabbii keessa seenanii jiraachuutu ifatti bahee jra.
Dursanii waan qindeeffatan akka qabanii fi walgayiin Hagayya gaafa 18,2014tti qopheeffame kan barattoota ilman Oromoo hunduu gara Hagayya 21,2014tti darbee jiraachuu gabaafamee jira. Kunis barattootni bakka adda addaatti wal jala dabarsuudhaan walgayiin kun akka gaggeeffamu ta’ee jira,guyyaa har’aa  Hagayya 19/2014 barattootni Wallagga Bahaa irra jiran gara Mattuutti konkolaataa Wayyaaneetiin guuramaa jiru ganama irraa kaasee. Kanneen biroos akkasuma yoo tahu sababni jijjiiramuu guyyaa walgayii kanaa maalif kan jedhuuf kanneen caasaa mootummaa keessaa dhoksaa baasanii jiran bakka barattootni walgayiin kun itti gaggeeffamutti barattoota dhalootaan saba biraa garuu Oromiyaa keessatti guddatan kan afaan beekan akka basaastummaatti qindeeffatanii waan gorfatanii fi leenjifatantu jira jedhu,kunis dursanii bakka dhoksaa dhoksaa garagaraatti waamanii leenjiin kennameefii jira,akka haaratti garuu guyyaama wal gayiin kun itti waamamee bakka itti waamamanitti barattoota waliin afeeramu ykns argamu, argamuun isaanii kun yknis dursanii waan iccitawaa ta’een gorfamuu isaanii kuni gaaffii barattootni qabatani ka’an,sochii barattootni Oromoo godhanii fi walii galatti FDGf haalota dursanii agarsiifaman dura dhaabbachuuf kan mijeeffamaniidha jedhu. Kunis dabarsanii barattoota kennuudha,doorsisi kennama jiru hanga ganaatti deemanii walgayii kana irratti hin hirmattan taanan mooraatti deebitanii barachuuf mirga hin qabdani isin keenya miti,kanaaf argamuun dirqama jechuun doorsisaa fi dirqisiisa itti jiru.
Qeerroon Bilisummaa gama isaan barattooti Oromoo hamma dandayametti walgahii kana irratti hirmaachuu irraa akka of qusatanii fi kanneen dirqisiifamuun dhaqan ammoo guutummaatti diddaa isaanii akka dhageessifatan dhaamsa dabarsee jira.

No comments:

Post a Comment