Monday, December 8, 2014

Barattooti Oromoo .Ayyaana Sabaa fi Sab-Lammii Wayyaanee Irratti Gaaffii Mirgaa Kaasuun Gochaa Sirnichaa Dura Dhaabbatan.

Asoosaa BeeneshanguAlaabaa konkl Gumuz ,Muddee 7/2014 Godina Beenishaangul Gumuuz Magaalaa Asoosaa bakkaa Wayyaaneen ayyaanaa sabaa fi sab-lammoota kabajan jira jechuun ololaa jiranitti goototni barattootni Oromoo fi lammiileen cunqurfamoo biyyatti Yuunibarsiitii Asoosaa wallee warraaqsaa irratti wallisuu fi roorroo dhageessifachuun mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachuu eegalan. Barruuleen warraaqsaa haalaan bittinneeffaman. Qeerroon barattootni Oromoo wallee warraqsaan ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo faarsan.
Muddee 6/2014 Irraa Egaluun Gootootni Qeerroon  barattootni Oromoo fi barsiisotni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa shira Wayyaanee irratti dammaquun Guyyaan ayyaana sabaa fi sablammoota kun uummataa Oromoo fi lammiiwwaan Cunqurfamoo biyyatti hin ilaallatu jechuun diddaan waan dura dhaabbataniif jecha Mootummaan Wayyaanee human Poolisii federaalaa fi human waraanaa bobbaasuun magaa Jimmaa fi Mooraawwaan Yuunibarsiitii Jimmaa fi kolleejjii barsiisota Jimmaa irratti eeggichi haalan jabaate gochaa jira.
Yuuniversitii Jimmaa , Addaatti immoo Goototni Barsiisotni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Muddee 6/2014 mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa  mooraa Agriculture keessatti humnaan walitti qabamani akka guyyaa ayyaanaa sabaa fi sablammii Wayyaanotaa irratti yaada kennaniif dirqamuun galma moorichaa lafa barsiisotni, hojjettootni Yuunibarsiitichaa fi bulchiitootni magaalaa Jimmaa fi Godina Jimmaa dabballootni Wayyaanee jiranitti biyyaatti keessatti sirna mootummaa dhufaa darbaa keessa kan Oromoof qajeele tokko illee akka hin jirre bifa gahaa ta’een ibsame.
Kana malees mootummaan Wayyaanee humnaa fi dirqamaan guyyaa ayyaana sabaa fi sablamoota jechuun ololaa jiru kana Aanota Godina Jimmaa keessatti akka kabajamuuf dhiibbaa guddaa kan gochaa ture diddaa uummatan duraa fashalee jiraachuu qeerroon gabaasa. Uummatni Oromoo ibsaa fi sochii qabsoo warraaqsaa FDG itti jiru dabarsaa jiruun walqabatee uummatni Godinichaa Aanoota kanneen akkaa, Limmuu Saqaa, Limmuu Koosaa, Geeraa, Gaatiraa  fi Aggaaroo fa’aa irratti uummatni olola wayyaanee kana irraa qooda fudhachuu diduun mormii guddaa sirna nama nyaataa Wayyaaneef qabachuu mul’isan.  Akkuma godinichaatti dabballotni Wayyaanee karaa ETV fi radio isaanii olola gaggeessan dhabuun muddama guddaa keessa galuun guyyaa har’aa muddee 8/2014 galgala kana dhoksaan mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti kabajuuf yaaliin godhamus Qeerroon goototni barattootni Oromoo wallee warraaqsaa itti qabsiisuu eegallaan dabballootni Wayyaanee soda keessa galuun sagantaa eegalan addaan kutuun kan dhaaban ta’uun mirkanaa’era.
Yuunivesitii Wallaggaa,   Mudde 7/2014 Goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaas guuyyaa ayyaana sabaa fi sablamoota biyyattin kabaja jira jechuun wayyaneen ololaa jirtu , gammata barattoota Oromoo jabeessuun barri Wayyaaneen 23, xummurtee 24 lakkawwachaa jirtu kun lammiilee biyyattiif bara ukkamsaa, bara rakkinni gama amantaa, siyaasaa fi dinagdee fi hawwaasummaa itti ulfatee fi rakkisaa ta’ee bara nagaa fi nageenyi dhibamee sirni dabballummaa abba irrummaa itti gaafa baase, Addatti bara Oromoon jumlaan itti wareegamee mirgii namummaa fi dimookiraasii ilma namaa itti ukkanfame jechuun barruulee garaa garaa bittinneessuun olola sirni garboomsaa Wayyaanee ofaa jiru balaaleffatan, goototni barattootni Oromoo dame Gimbiis adeemsuma walfakkaatuun olola wayyaanee fudhatama dhabsiisuun wayyaanetti waaroo salphina uuffisan. Mooraan Yuunibarsiitii Naqamtee fi Gimbiis human waraanaan eegama jira.
Haala kanaan mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF sochii diddaa fi dura dhaabbannaa shira wayyaanee qeerroon barattootni Oromoo argisiisaa jiran irra yaaddoo fi sodaa guddaa FDG narratti qabsiifame jedhu irraa ka’uun mogaloota gurguddaa Oromiyaa akka Jimmaa, Mattuu, Naqamtee, Amboo fi Finfinnee  human poolisaa Federaalaa fi human waraanaan eegaa jira. Dhaabbileen barnoota Oromiyaa akka Yuunibarsiitotaa fi Kolleejjootni hundinuu poolisii federaalaan eegama jiru. Addaatti mootummaan wayyaanee  human waraana guddaa gara dhiha Oromiyaatti bobbaasuun dandiin  magaalaa Mattuu irra  gara Asoosaa geessuu human loltuun eegaama jira, haaluma walfakkatuun daandiin Wallagga dhihaa Danbii Dolloo, Gimbii fi Asoosaa geessuu human loltuu guddaan irratti ramadamee eegama jira.

No comments:

Post a Comment