Tuesday, December 9, 2014

Dargaggoonni Oromoo Godina Wallaggaa Qeellam, Aanaa Jimmaa Horroo Ibsa Ejjennoo Fudhatan



Ibsaa fi Ejjennoo Qeerroo Wallaggaa Qellem, Aanaa Jimmaa Horroo
Muddee 9, 2014 – Jimmaa Horroo
Waggoota qabsoo Oromoo lakkoofsisaa har’a gahan keessatti, waggaa dhufaa darbaa bara itti sobni dhugaa caalee umurii isaa dheereffatee har’a gaheen, uummata Oromoo afaan faajjeessuudhaan mootummaan wayyaanee aangoo isaa dheereffate har’a gaheera. Uummanni Oromoo kan hubatee jiru eessattis tahu yoomiyyuu mootummaan wayyaanee sobaan dahatee, humnatti fayadamuudhaan, horiittis hirkachuudhaan uumata Oromoo gowomsaa, hidhaa ajjeessaa har’a gaheera, waggaa dhiyoo asitti waaree jaal Laggaasaa Waagii wareegamee kaasee caasaan mootummaa Wayyaanee gara lixa Oromiyaa jiran doorsisaa fi oftuulummaan itti dabalamee uummata irratti harka isaanii kaasuu guyyuudhaan dabalaa dhufe, uumataanis ABOn hin jiru, kan jiruyyuu kunoo ajjeesne, jechuudhaan uummata sobuun hojii isaanii fardii ture, waan namni itti amanee mana isaa keessaa mallattoo fi dhiigni isaas dhaaba ABO faarsu maqaa hadheessuudhaan, maqaa balleessuudhaan uummatan dhaabni akka jibbamu taasisuu isaanii hojii isaanii duraati kun waan hubatamaadha.
Kaayyoon isaanii kun Oromoo tahee kan dhalate keessaa haqamuun waan hin jirreedha, yeroo ammaa kana uummannni Oromoo qote bulaan aanaa Jimmaa Horroo keessa jiraatu hanga baadiyaa isaatti, mootumma wayyaanee dura haala garagaraan dura dhaabbachuu eegalee jira, gaaffiwwan uummata gara baadiyaa haala qaroomin yeroo ammaa irraa fagaatanii kanneen toora interneetaa waliin wal hin beekne baadiyaa keessa jiraatu irra gaaffin ka’an waanni haaraa itti tahe, Jaarmaa Qeerroo Bilisummaa hubachuu dhabuu isaaniiti. Dhugumas duratti kan beekan kan dubatan dhaaba ABO fi WBO qofaadha, qabsoo Oromoo biyya keessatti finiinsaa kan jiru hundeeffama Qeerroollee waan hin hubanneef kana irratti Qeerroon hojii isaa godhatee kan jiru uummata Qeerroo waliin sochoosuu fi kayyoo isaa hubachiisuu yeroo ammaa kan eegalee jiruudha.
Akka walii galaatti haala uummata Oromoo fi ilaalcha jiraattota aanaa kana keessa jiraatan irraa waanni hubatamu, dhaaba dhugaaf qabsoo irra waggooa heddu lakkoofsisaa jiru, ABOn nuuf gaachana dhugaati, nu waliin kan dhalate, nuufis kan dhaabbate, nu keessaa kan madde mirga uummata isaaf biyyaa bahee falmii hadhawaa gaggeessaa kan jiru WBOs abdii guddaa,ilaalcha kabajaa kan qaban uummata Oromoo aanaa kana keessa qofayyuu hin taanee Oromiyaa keessa irraa ifaa jiruudha. Kaayyoon mootummaa wayyaane akkuma beekamu haati ilmoo deesse Ilma ishee akka kaaddu, dhalakoo miti akka jettuuf foolata, kun ammoo haati ykn abbaan ilmaan isaanii qabsoo Oromoof wareegama taasisanii, akkamiin dhala isaanii mirga isaaniif falmatu dhalakoo miti isaan jechisiisa kun kaayyoo mootummaa wayyaneeti, uummataan ABO dagachiisuu, ABO maqaa balleessuu, ABOn shororkeessaadha jedhanii ji’aan torbaniin uummatatti dhiyaatu, kan wal beeknu, utuu beeknu, kan dhugaa faana dhayu maqaa balleessuu keessaniifiyyuu nuti isin diina keenya tahuutti beekna jedhanii yeroo itti uummanni dubbii harkatti fesheleessuu eegaleedha. Gara dargaggoota Oromoo aanaa Jimmaa Horrootti kan deebinu, ejjennaa isaan akka aanaa kanaatti qaban:
– Mootummaan wayyaanee baadiyaa giddu galeessa godhatee kan fayadamu, uummata qote bulaa baadiyaa keessa jiraatu, waa hedduudhaan itti deemee daandii dhugaa irraa fageessuu fi gowomsuun kaayyoo isaa waan taheef, akka dargaggoota aanaa kanaatti Qeerroo Bilisummaa waliin tahuudhaan waan hubanne uummata barsiisuu, uummata yaadni isaa burjaaja’e, gara tokkotti fiduudhaan qabsoo irratti toora wal galchuu, kun hojii fi kaayyoo keenya tahuu isaa dhaammanna.
– Qabsoo Oromoo galmaan gahuudhaaf wareegamni barbaachisu baasuun akkuma jiraatu qabsoo milkeessuufiis tarkaanfiin barbaachisu fudhachuun hojii duraati, isa kanaaf ammoo baadiyaa keessatti ramadamanii akeeka mootummaa raawwachuudhaaf dirqamanii kan ergaman, uummata sobuudhaan maqaa dhaabaas kan balleessan, hojii diinummaan kan dalagan darbanii darbanii ni mul’atu dabaa nama keenyaa adabannee sirreessuun qabsootti wal fullaasuun waan nu dirqisiiseef hojii keenya duraa keessatti kun murtoo keenyaa tahuu isaa ibsina!
– Ejjennoo nuti hanga wareegamaatti qabnu qabsoo Oromoof waanti barbaachisu buusii barbaachisu raawwachuun qabsoof oolchuu, hojiin ijaarsaa fi dhaabaan durfamuudhaan uummata keenya keessatti waan barbaachisu irratti hiriiruun ejjennaa keenya!
– Gabrummaa dhabamsiisuu, mootummaa wayyaanee dura dhaabbannee mirga keenyaaf falmachuu, dachee keenyaaf falmii gaggeessuun kaayyoo keenya dargaggoota Jimmaa Horrooti.
Bifa kanaan ejjennaa isaan qabsoof qaban akkasuma ilaalcha uummanni jiraattootni godina Qellem, Jimmaa Horroo irratti qaban haala kanaan kan ibsaniidha, dabalatatti ammoo uummanni buusii mataa isaa qabaachaa jira qabsoof gumaacha sochii achitti godhamaa jiraniin kan ijaaramanii jiranii fi ijaaramas jiran, akkasumallee namoota aanaa kana keessatti qabeenyaa qaban, kan sabboonummaa qabanii fi sochii Qeerroos kan deggeran, keessattuu jiraattootni gara magaalaa jiraatan kana irratti bobbahuudhaaf kaka’umsa taasisaa jiraniin gumaacha raawwacha akka jiran hojii isaanii keessatti dhaamu.
Injifannoon Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!

No comments:

Post a Comment