Wednesday, December 17, 2014

Ilmaan Oromoo Barnoota Xumuranii Waggaa Dheeraaf Hojii Maleeyyii Tahan Guyyaa Har’aa Finfinnee Keessatti Diddaa Sirna Wayyaanee Taasisan.

Gabaasa Qeerroo, Muddee 17, Finfinnee Irraa
krYeroodhaa yerootti akkuma gabaasni dhiyaataa jiru Oromiya keessatti barattootni sabboontotni Oromoo gaaffi mirgaa kan abbaa biyyuummaa kaasuun diddaa finiinsaa jiraachuun dhagayamaa jira.
Gaaffiwwan mirgaa kaánii diddaan jabaachuudhaan mootummaa Wayyaanee yeroo ammaa lafa seenu dhabeera, kallattii adda addaa irraan uummannis tahe barataan haala keessa jiruu fi hojii mootummaa Wayyaanee irratti dammaqiinsaan kaée gaaffii dhiyeessuun gaafachuu irratti argamuudhaan mormii dhageesifataa jiru.
Gaafa Muddee 17,2014 qaalaínsa jireenyaa yeroo ammaa biyyattii keessatti mulátaa jiruun uummanni mootummaa irratti gaaffii kaasaa jiraachuun akkasuma Finfinnee keessatti hoji dhabdoonni kumaatamaan lakkaawaman ilmaan Oromoo lakkoofsaan guddaa tahuun waan hubatamaadha. Barataan wagga hedduu barumsa isaa xumure, bara dhufee darbu barataan Yuuniversitii fi koollejji irraa eebbifamee gara maatiitti galuun maatii irratti baáa tahuu mannaa hojii barbaacha magaalaa Finfinnee keessa jiraataa jiru.  kr
Akka keessa beektoti gabaasanitti bara kana hoj-dhabaan Finfinnee keessa 200,000 ol akka taheedha, keesssatu bara 2014 dachaadhaan kan dabale walumaa gala bara mootummaa Wayyaanee keessa hoj dhabdummaan babaláchuu irraan qaalaíinsi jireenyaa uummata irraas gahaa waan jiruuf dimshaashumatti gaaffiin gama kanaan kaáa jiru mootummaa Wayyaanee hedduu kan yaaddeeseedha, kanumaan hará hoj dhabdoonni wal gurmeessuudhaan mootummaan wayyaanee biyya bulchuu hin daandenye, barataan barumsa booda gara itti deebiú erga hin qabnee biyyattii keessa Yuuniversitii tamsaasuun waan uummataaf yaadu fakkeessee uummata gowomsaa jira. Kanumaan hoji maleeyyiin waggaa sadii ol erga barumsa xumuranii wal gurmeessuudhaan mootummaan Wayyaanee aangoo irraa buú qaba jechuudhaan,kan hin baranne mootummaa keessa taaée qabeenya uummataa saamee jiraata,abbaan qabeenyaa hará qaama mootummaa keessaa kanneen hin baranneedha, kan barate daandii irra jiraatee waan nyaatu dhabee agabuu bula sababaa jedhuun Finfinnee kutaa bulchiinsa Buraayyuu keessatti wal gahuun diddaa dhageessifataa oolanii jiru.

No comments:

Post a Comment