Thursday, December 18, 2014

Diddaan Dargaggoota Oromoo Hojii Maleeyyii Tahan Har’a Finfinnee Naannoo Kiiloo4 Itti Jabaachuu Irraan Mootummaan Wayyaanee Akka Amala Isaa Humna Waraanaa Fayyadame.

Gabaasa Qeerroo Finfinnee, Muddee 18,2014
??FDG biyyattii keessatti kallattii adda addaan finiinaa jira, barataan Oromoo gaaffii mirgaa dhiyeessuun, manneen barnootaa olaanoo fi godinaalee garagaraa rakkoolee yeroo ammaa mootummaa Wayyaaneen uummata irra gahaa jiruun wal qbatee diddaan ka’aa jira. Gaaffiin mirgaa Yuuniversitii Madda Walaabuu keessatti dhalate akkasuma Mattuu Yuuniversitii keessatti kan itti fufee jiru haaluma kanaan Yuuniversitiilee biroo keessatti kan itti fufaa jiruudha.
Diddaa wal irraa hin citne, gaaffiidhuma wal fakkaatu, hoji maleeyyiin yerooammaa wal qindeessuudhaan mootummaa Wayyaanee irratti hiriiruun gaaffii kaasuuf kan deemaa jiran kaleessa gabaasun keenya kan yaadatamuudha, diddaan kan jabaatee jiru amma barataa irraa gara uummataa fi barataa hojii dhabee magaala Finfinnee keessa jiraatuun finiinaa kan jiruudha, haatahu malee mootummaan Wayyaanee uummata gaaffii mirgaa gaafatu maqaa shororkeessota jechuudhaan humna waraanaa ramaduudhaan sochii barataa fi uummataa dura dhaabbata, kun guyyuudhaan mootummaan Wayyaanee humna isaatti fayadamee wagga lakkaawataa jiruudha.kr
krGuyyaa har’aa magaala Finfinnee naannoo hoj-dhabdoonni itti hedduummatanitti humna waraana isaa ramadee jira, kan akka Lagahar, Kiiloo 4, Piyaasaa jedhaman keessatti ganama kana humni waraana Wayyaanee ramadamee socho’aa jiraachuu suuraa argame waliin gabaasni isaa addeessa. Gaaffiin hoji maleeyyii gara gaaffii mirgaatti naannahuu taha jechuudhaan waan shakkuuf mootummaan wayyaanee akka amala isaa humna waraana isaatti fayadamaa jira,kana irraan kan ka’e diddaan gama kanaan eegaluudhaaf ture humna bittimneessaa wayyaaneen adda bahanii jiraachuu fi walumaa galatti mootummaan wayyaanee naannoo adda addaatti haala garagaraan gaaffiin ka’aa waan jiruuf, diddaa wal hidhataanis mooraa barnootaa keessatti mul’atee jiru yuuniversitiilee keessatti barumsi dhaabbatee barattootni nyaata lagachuudhaan fonqolcha mootummaa Wayyaanee irratti hiriiruu jabeessanii wan argamanii baratas tahe uummanni Oromoo walitti dhufeenyaan, wal gurmeessuu keessatti waan sodaatuuf tikoota isaa naannolee yuuniversitii, koollejjii,fi bakka uummanni Oromoo heddumattutti qubachiisaa jira

No comments:

Post a Comment