Thursday, December 18, 2014

HUMNA WARAANAA OROMOO CIMSUUN GAAFII YEROO WAAN TA’EEF DEEBII HATATTAMAA ARGACHUU QABA

wbo
Humna waraanaa oromoo cimsuun gaafii yeroo waan ta’eef deebii hatattamaa argachuu qaba jedhee yaada.Haa ta’u malee, waayee qabsoo hidhannoo fi jabeessuu waraana Oromoo yoo har’a hin kaasne yoomiyyuu kaasuu akka hin dandeenyen hubadha. Yeroon ammaa, yeroo waraanni Oromoo (Waraanni Bilisummaa Biyyoolessaa Oromoo), kan har’a diina injifatee, bilisummaa fi abbaabiyyummaa keenya deebisuuf wabii ta’u fi boru ammoo biyya keenya eeguu danda’u, itti ijaaramuu fi cimu ta’uu qaba jedheen amana. Akkuma mata dureen ibsu, gaafiin kunis dhugumatti gaafii yeroo ammaa jabaa waan ta’eef osoo yeroon hin kennaminiif kan uummata Oromootiin deebii hatattamaa argatu ta’uu qaba. Maaliif humna waraanaa cimsuu akka nu barbaachisu sababaalee baay’ee kaasuun ni danda’ama. Haa ta’u malee sababaalee gurguddoo tokko tokko kaasuun yaala.
[1]Tokkoffaa, Wayyaanotni kan uummata Oromoorratti roorroo hamma kana hin jedhamne dalagaa jiran, akka yeroo tokko tokko dubbatamutti sodaa uummata keenyarraa qabaatanii otuu hin taane, sababni inni guddaa fi hangafti waan nu tuffataniifi. Kun tuffii dha! Waraana cimaa fi abdachiisaa yoo qabaanne garuu gochaa diinaa kana dura dhaabbachuun waan danda’amuuf tuffiin kun akkanatti cimuu hin danda’u. Gaafsan nu sodaachuu danda’u jechuu dha.
Mee fakkeenyaaf haa jennuu, nama tokko kan itti roorrisani fi akka barbaadame kan godhamu waan nama kana sodaataniif otuu hin taane, waan humna isaa tuffatanii fi silaa maal nu godhuu danda’a jedhanii yaadaniif ykn beekaniifi. TPLF uummata keenya akkanumatti ilaalu jechuu dha. Dhugaa dha, uummatni kun otuu carraa argate, akka galaanaa waan isaanirra garagaluuf, TPLF kana hubachuudhaan sodaa qabaachuu akka danda’an waan nama shakkisiisuu miti. Haa ta’u malee, uummatni keenya har’a carraa sana akka hin qabne fi humni isaan sodaachisus akka hin jirre waan beekaniif, tuffiirraa kan madde, TPLF akka barbaadanitti uummata keenya itti taphachaa jiru.
[2]Lammaffaa, har’a TPLF nama-nyaataan kun uummata keenya kaan ajjeesaa, kaan mana hidhaa keessatti dararaa, kaan biyyarraa baqachiisaa, kaan lafa isaarraa buqqisanii kadhataa godhaa, ofii isaaniitiif garuu biyya teenya fi dachee teenyarratti abbaa biyyaa fi abbaa qabeenyaa nurratti ta’anii; nu nyaachaa otuu jiranuu, isaan otuu hin quufin, Obboleewwan isaanii dabaree eeggatanii Oromummaa fi Oromiyaa balleessuuf waan qophii guddaa godhaa jiraniif; badiin kana caalu akka nurra hin geenye, har’a waraana jabaa qabaachuun dirqama ta’a.
[3]Sadaffaa, yoo waraanni jabaan jiraate, xinnaatee yoo xinnaate lolee lafa qabchuu kan hin dandeenyellee yoo ta’e, yeroo uummatni keenya tokkummaadhaan ka’anii harka duwwaa diinaan falman kana, warra lammiilee keenya ajjeesan adabee gumaa namoota keenya battalumatti baasuu kan danda’u yoo ta’e, diina sodaachisee; uummata keenyatti ammoo hamilee gudda uumuu waan danda’uuf, sochiin uummata keenyaas caalaatti akka cimu taasisa. Namni abdii tokko duubaa qabu, sodaa qabaachuu hin danda’u. Humni naaf birmatu na bira ykn na duuba jira jedhee waan abdatuuf, waan ka’eef sana hamma bakkaan ga’utti duubatti hin deebi’u jechuu dha.
[4]Afraffaa, yoo waraanni Oromoo jabaan jiraate, kan biraa hafee lammiileen Oromoo kan waraana Wayyaanee keessa jiranillee dafanii humna keenyatti makamuuf hamilee horatu. OPDOnillee walba taatee gara qabsoo uummata Oromootti deebi’uuf kun carraa uumuufii danda’a.
Egaa, maaliif humna waraanaa Oromoo cimsuun barbaachisaa akka ta’e sababaalee tokko tokko tuttuquu yaalee jira. Kanatti aansee akkamitti waraana jabaa ijaaruu akka dandeenyu gabaabumatti qabxiilee tokko tokko ibsuun yaala. Waraana qabsoo bilisummaa Oromoo, asitti Waraana Bilisummaa Biyyoolessaa Oromoo kanan jedhu, filannoo lamaan[2] ijaaruun ni danda’ama jedheen yaada.
  • Filannoo tokkoffaa:[1] Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) amma jiru jabeessuu, cimsuu fi bifa biraatiin ykn bifa haaraatiin ijaaruu dha.
  • .Filannoo lammaffaa:[2] Waraana Biyyoolessaa Oromoo  Kun akka yaadaatti salphaa haa fakkaatu malee, hojiidhaan agarsiisuun ulfaataa akka ta’u nan hubadha. Haa ta’u malee, WBO amma jirus yoo ta’e, maallaquma uummata Oromoorraa argamuun xinnaatus baay’atus sochaa’aa jira ykn socha’uu danda’a malee gargaarsi qaama biraarraa argamu waan jiru natti hin fakkaatu. Kanaaf, uummatni keenya, keessumaayuu uummatni biyyoota ambaa jiraatan, tokkummaa fi kutannoodhaan yoo ka’an, maallaqa buusuudhaan Waraanni Biyyoolessaa Oromoo haaraan akka ijaaramu godhuun waan hin danda’amneef sababni ni jira jedhee hin yaaadu. Egaa kun projaktii guddaa wareegama guddaa gaafatu waan ta’eef, kutannoo lammiilee Oromoo hundaa gaafata.
Egaa, gara xumura barruu kiyyaatti deemuuf, waraanni Oromoo (Waraanni Bilisummaa Biyyoolessaa Oromoo jabaa fi cimaan tokko yoo ijaarame, lolee lafa qabatee diina injifachuu yoo dadhabellee, sadarkaa duraarratti, uummata keessatti argamee kan roorroo diinaa lammiilee keenya irraa ittisu, kan battalumatti gochaa diinaa hordofee gumaa lammiilee keenyaa baasuu danda’u; kan gutumaa guututti Oromiyaa keessatti bakkee hundatti socha’u ta’uu qaba jedheen yaada. Humna ittisaa jechuu dha.Yoo Oromoon kutatee ka’e; yoo akkuma yeroo ammaa mul’achaa jiru tokkummaan keenya akka uummataatti cimaa deeme; yoo karaa danda’amu hundaan Oromoon hunduu dirqama Oromummaa ba’an, har’a taankii fi xayyaara waraanaa argachuu ykn qabaachuu baannus, meeshaa waraanaa gargaarsa Oromootiin bitamu fi kan diinarraa booji’amuunuu diina hamma funyaaniitti hidhate kana jilbiiffachiisuun waan hin danda’amneef hin jiru. Oromoon wal malee firas ta’ee gargaarsa hin qabu. Kuni immo Kutannoo qofaa nu barbaachisa. Kanaaf, qabeenyuma fi gargaarsa keenyaan waraana ABO bira haadhabannuun dhaamsa kooti.
Gadaa gadaa bilissummaa rabbi nuuf haa g

No comments:

Post a Comment