11387_489669604505323_7735385139558897223_n
Mudde 23,2014  Wallagga, Aanaa Jimmaa Horroo


Wallagga Aanaa Jimmaa Horroo Keessatti Barattootni Oromoo Kutaa 11ffaa Mormii Sirna Bulchiisa Wayyaanee Bultii 3f Deemsisan Itti Fufuun Gutummatti Barnoota DhaabanHanqina Meeshaa Barnootaan Wal Qabatee Barattootni Qellem Wallagga Aanaa Jimmaa Horroo Kutaa 11 fi 12 Barumsa Dhaabuudhaan Gaaffii Kaasaa akka jiran gabaasa Qeerroo yeroo darbee irraatti darbee jira. Haaluma kanaan barattooti Oromoo gaaffii mirgaa fi haqa qabaniin itti fufuun Mudde 23,2014 loltoota mootummaa Wayyaanee waliin walitti bu’uu fi doorsifamuun hammaatnaan guutummaatti mana barnootaa cufanii ykn dhaabanii warratti galanii akka jiran Qeerroon aanicha irraa gabaasa.
Kana malees hir’inni meeshaa barnootaa manneen barnootaa hunda irra gahe maatii barataa fi barattoota ilaala jedhee mootummaan uumata irraa horii funaanuuf saganteeffate guutummaatti farrummaa uumataaf qabu muldhisa malee hir’inni meeshaa barnootaa fi qulquullinni barnootaa kan ilaalu mootummaa Wayyaanee mataa isaati, kanaaf hanga mootummaan of tuulaan miidiyaadhaan tarsiimoo fi misooma barnootaa jedhee odeessu kun meeshaa hanqate fidee guututti barumsa hin barannu, deggersa barumsaas qarshiin nutty murtaa’e dhimma barumsaaf miti mootummaa sooruudhaaf malee jedhanii har’a diddaa isaanii cimsanii barattootnii mooraa gadhiisanii bahuun barnoota dhiisanii gara maatiitti galanii jiru.