Wednesday, December 17, 2014

Eegala Irratti Mormii fi Gaaffiin Gootota Artistota Oromoo Irraa Isa Mudateen Walgahiin Artistootaaf Adaamaa Irratti Tahe Ergamoota Wayyaaneen Tasgabbii Dhorke.

 

48Mootummaan Wayyaanee artistoota oromoo kaleessa Muddee 15 irraa kaasee magaala Adaamaa keessa itti walgayii teesisuun guyyaa 10f marii jalqabsiise jiraachuun beekame. Akkuma beekamu mootumaan Wayyaanee ilmaan Oromoo sodaa irraa qabu keessattuu weellistoota Oromoo walitti qabuun isaa yaamicha qabsoo oromoof uummata kakaasu hojjechuun, waan uummata gurmeessuu fi onneessu weelluu garagaraan uummannii kan dammaqu, fi kanneen sochii uummataaf sababoota tahan jedhee waan yaaduuf weellistoota walumaa gala artistoota Oromoo walitti qabuudhaan yaada isaanii burjaajessuu, filannoofiis dursee yaadda’uudhaan gama isaaniin filannoo irratti waan amma irraa kaasee suphamuu qaban suphuudhaaf, akkasuma ofitti qabee of duukkaa hiriirsuuf haasaa fi marii bilisaatiin walgayii waamee gaggeessaa jira, akka gabaasni kun nu gahaa jirutti guyyaa har’aa Muddee 16,2014  jecha dirqamaan weellistootni hunduu raayyaadhaan ijaaramanii guddina biyyaaf gahee bahuun dirqama tahuu isaa gadi baasee dubbate, ergamtootni mootummaadhaan ergamanii marii kanaaf dhufan, mootummaan dirqama kana isin irraa eegaa jira jechuudhaan dubbii kan eegalan, tahus deebii fi gaaffiin walfaana artistoota walgayii kana irratti hirmaataa jiran irraa ka’aa oole, mootummaan kan durii caalmaatti ilmaan Oromoo ajjeesuu, hidhuu, barumsa irraa ariyuu, mirgi uumata Oromoo sarbamuun kan caale baree baranaati, bara filannoodhaaf of dhiyeessuu keessatti uummata Oromoo irraa ilaalcha gaarii tuu qabaatee ilmaan Oromoo mana hidhaa keessatti umurii isaanii hin fixan, mana hidhaa keessatti lubbuudhaan dararamani du’aaf saaxilamaa kan jiran, mirga uummataa eegsisuudhaaf gaaffii kaasan malee lubbuu namaa hin balleessine, kana qofa miti mootummaan Wayyaanee uummata oromoo lafa irraa utuu dhabamsiisee fedha isaati, gochi kun hunduu mul’inatti utuu beekamuu akkamiin marii kana nu fakkaattanii ergama mootummaa bahuudhaaf nutti kaastuu? Raayyadhaan ijaaramuun keenya mootumaadhaaf guddina isaati, kan ijaarame nuyiidha, kan guddatu mootummaa nu ajjeessa jiruudha, kanaa walii galuu hin dandeenyu walgayii dhiisnee deemna jechuudhaan jeequmsi artistootaa fi ergamoota mootummaa biraa ergamanii dhufan gidduutti tahee jira.
Boruus gaaffiin dhimma mootummaaf nu waamtan yoo tahe walii galuu hin dandeenyu dhimma aartii oromoo irratti aadaa fi afaan keenya guddiisuu irratti mariin yoo itti fufe walii galteedhaan walgayiin kun itti fufa kanaaf gaaffii dhimma raayyaadhaan ijaaramaa dirqama mootummaan gadi buuse bahaa kan jedhamuuf kun nuuf jecha imaanaa nyaachuuti, kanatti walii hin gallu jechuudhaan adda bahan, mariin kun boruus kan itti fufuudha. Gabaasa isaan walitti deebina!

No comments:

Post a Comment