Saturday, December 27, 2014

Mudde 26,2014 Halkan Yuuniversitii Walqixxee Keessaa Barattooti Oromoo 40 ol Loltoota Wayyaaneen Ukkaamfamuu Qeerroon Gabaase.

Gabaasa Qeerroo Muddee 27,2014
oromo in ethioMuddee 26,2014 Godina Kibba Dhihaa Oromiyaa Yuunibarsiitii Walqixeetti Mootummaan abbaa irree EPRDF Wayyaanee barattoota Oromoo fi Amaaraa gidduutti rakkoo uumeen jeeqamsa kaasuun waraana mooraa Yuunibarsiitii seenee barattoota Oromoo goolaa jira.‏
Mootummaan abbaa irree shiraan umrii aangoo isa turfacha ture barattoota Oromoo fi barattoota saboota biroo walitti diruun ilmaan Oromoo barbaadu keessa guuree maqaa walitti bu’iinsan hidhuuf karoorfatee socho’aa jiru, Qeerroon barattootni Oromoo dura dhaabbachuun akeekaa wayyaanee fashalsuu irratti xiyyeeffatan. Yakkamtootni ilmaan habashaa ergama Wayyaanee fudhachuun waldhabdee hin barbaachifne dhaluu barbaaddan yeroon yoo gochaa diinuummaa fi ergamtummaa wayyaanee irraa of hin qusatne rakkoo haama keessa kan of galchaa jirtan ta’uu hubachiisuun, Qeerroon barattootni Oromoo walitti bu’insa barattoota Oromoo fi saboota biroo gidduutti dhalatuuf mootummaan ERDF Wayyaaneen itti gaafatama ta’uu jabeessine hubachiifna.
Shira dabballooti  Wayyaaneen uuman kanaan  walqabatee ilmaan Oromoo badii tokko malee Yuunibarsiitii Walqixee keessa halkan humna waraanaa  fi poolisaa Federaalaa Wayyaaneen ukkanfaman keessa kanneen maqaa isaani nu qaqqabee jiru
1.Barataa Yaadasaa Mirreessaa
2.Barataa Qalbeessaa Iddoosaa
3.Barataa Abarraa Xaafaa
4.Barataa Wagayyoo Nugusee
5.Barataa Abbabaa Balchaa
6.Barataa Jirra Nuus
Kanneen jedhaman kan keessatti argaman barattootni 40 olitti lakka’aman halkan humna waraanaan ukkanfamuu maddeen keenya Yuunibarsiitii Walqixxee irraa gabaasuun, Qeerroon barattootni Oromoo shira Wayyaanee dura dhaabbachaa jiraachuu ibsatan.

No comments:

Post a Comment