Tuesday, December 30, 2014

Godina Dhiha Oromiyaa Magaalaa Gimbii Keessaitti Dhaddachi Maana Murtii Godina Wallagga Dhihaa Galmee Hidhamtoota Oromoo 32 Cufe.

Gabaasa Qeerroo Gimbii Muddee 30,2014
Muddee 26 fi Muddee 27/2014 Godina Dhiha Oromiyaa magaalaa Gimbiitti Dhaddachi Mana Murtii Godina Wallagga Dhihaa galmee hidhamtoota Oromoo Oromummaan yakkamanii hidhamanii himatamaa jiran ilaaluun ilmaan Oromoo 32 bilisaan gadi lakkisee galmee hidhamtootaa cufee jira.Mootummaan abbaa irree Wayyaanee sobaan Ilmaan Oromoo yakkee balleessa malee hanga barbaade erga hidhatti ukkamsee booda, galmee sobaan qindeessee ittin ilmaan Oromoo hidhee dararaa ture turtii je’oota hedduu fi waggootan lakka’amuu booda bilisan gadi lakkisuun haamilee fi sammuu ilmaan Oromoo erga torture godhee booda gatii kan hin qabne ta’uun beekamadha. Ilmaan Oromoo jumlaan ukkanfamanii manneen hidhaa Wayyaanee garaagaraa keessatti argaman hundi Oromoo ta’anii dhalachuu fi ani Oromoodha, mirgi keenyaa sarbamuu hin qabu waan jedhanii dubbatan qofaaf yakkamaa ta’an malee balleessa kan hin qabne ta’uun beekamadha.
Kanaafuu manneen murtii Oromiyaa dhugaa jiru hubachuun tarkaanfii sirrii fi seeraa warreen fudhachaa jirtan galatni keessan bilisummaa haa ta’uu jechaa ilmaan Oromoo manneen murtii Wayyaanee garaagaraa keessa jirtan waan dhugaa hojjettaniif midhaan fedhe iyyuu yoo isin irra ga’ee uummatni Oromoo cufti dugda keessan duuba jiraachuu hubachuun dhugaa Uummata keessanii fi haqa uummata Oromoo afaan qawween dabsamaa jiru akka dura dhaabbattan amma illee waamicha keenya dabarsina. Maqaa fi galmee himata ilmaan Oromoo irra bilisaan gadi lakkifaman kan isin qaqqabsifnu ta’uu ni hubachifna!!

No comments:

Post a Comment