Tuesday, December 16, 2014

Yuuniversitii Madda Walaabuu keessatti diddaan sirna mootummaa Wayyaanee irratti ka’een waldhabbiin barattoota Oromoo fi waraana Wayyaanee jidduu jabaatee jira.


diddaa9Muddee 14,Guyyaa Kaleessaa Mooraan Yuuniversitii Madda Walaabuu mooraa shaakala waraanaa fakkaata. Humni waraana Wayyaanees abaratoota irratti dhukaasa bane jira.
Edai halkan sa’a 2:00 booda FDG baname,akka gabaasi Qeerroo addeessutti yeroo darbe waraqaa dhaadannoo uummata fi barataa kakaasu Qeerroon Yuuniversitii madda walaabuu mooraa keessatti tamsaasuun barattootni nyaata lagachuudhaan, barumsa dhaabuudhaan diddaa eegalanii kan turan mootummaan Wayyaanee humna bittimsaa itti ajajuu irraan barattootni akka kaayyeffatanii ka’an tahuu baatuus barattoota Oromoo ergasii adamsuudhaan tikootni Wayyaanee qabani mooraa keessaa baasuudhaan bakka ittiin gahan dhabamaa ture,akka walii galaatti barattootni hanga ammaatti hidhamani bakka buuteen isaani dhabamee jiru barattoota 20 ol akka ta’e,tooftaa garagaraan tikni qabaa kan ture, barattoota kaan ammoo marii qabna jechuudhaan mooraan alatti ukkamsanii hidhaa turan,gabaasa Qeerroo MW irraa akka hubatametti torbeema lama dura tahuun isaa waan hubatameef barattootni sabboonti Oromoo guyyaa kaleessaa Muddee 14,2014 wal gurmeessuun  barattootni gaaffii tokko malee, yakka tokko malee mooraa keenya keessaa torban darban hidhaman akka gadhiifaman, gaaffiin keenya bu’uura tahee yeroodhaa yerootti mootummaa gaafacha jirru kan hidhaman akka gadhiifamaniif nyaata dhiisnee, barumsa dhaabnee osoo gaafannuu gaaffii keenya irra tarkaanfachuudhaan mootummaan Wayyaanee ammas barattoota sabboonummaa qaban mooraa keessaa qabee hidhuun maaliif kaayyeffatee ka’e jechuudhaan guyyaa kaleessaa mooraa Yuuniversitii Madda Walaabuu keessatti baratooti Oromoo gamtaan sagalee ol kaasanii iyya dhageessisuun gaaffii mirgaa gaafatan.
Humni waraana Wayyaanee barattooti mooraa keessaa gara kamittuu akka hin baaneef dura dhaabbatanii meeshaan ittisaa jiru. Kana irratti dabalee humni mooricha eegu hanqatnaan humna dabalataa yaammatanii waraanni komaandoon Wayyaanee naannica weeraruun barattoota Oromoo irratti dhukaasa banuu qeerroon gabaasa.
Haala kanaan Barattootni halkan guutummaa osoo hin rafin barataan keenya hidhame nuuf haa deebi’u, humni waraanaa mooraa keessaa haa bahu jechuudhaan mooraan yuuniversitii Madda Walaabuu dirree waraanaa fakkaatee kan bule halkan edaa yoo tahu guyyaa har’aas haaluma kanaan kan itti fufee jira.
Gama biraan Qeerroon yuuniversitii Mattuus gaaffiin uumata Oromoo deebii argachuu qaba,qoteebulaan haalaan dachii irraa buqa’aa waan jiruuf kun hatattamaan dhaabbachuu qaba sababa jedhuun Muddee 15,2014 diddaa akka dhageesifataa oolan qeerroon naannicha irraa gabaasa.

No comments:

Post a Comment