IMG_20141224_211555

IMG_20141224_211615
Waraqaan waamicha dadammaqiinsa FDG Mudde 24 Bara 2014 ganama irraa Oromiyaa bakkoota garaagaraatti, addatti haga odeessi kun gumaa’ee nu qaqqabetti magaalota naannoo Finfinnee jiran kan akka Sabbaataa, Alem-Genaa, Burraayyuu, Sulultaa, L/Xaafoo Laga Daadhii fi akkasumaas Finfinnee bakkoota adda addaatti faca’aa jiraachuu odeessi nu qaqqabe addeessa.  Akka odeessaa fi waraabbii suuraa armaan gadii nu qaqqabe ibsutti, waraqaan waamicha dadammaqiinsa FDG kun dhaamsa ‘’tokkummaan wareeggama qabsoon bilisummaaf barbaaddu haakaffallu’’ jedhu kan ofkeessaa qabuu fi uummata impaayera biyyittii keessatti uummanni Oromoo uummata yayyaba ta’ee otoo jiruu uummata bicuu Tigreetiin gabroomuun salphinaa fi qaanii waan ta’eef, qaanii fi salphina uummanni keenya keessa jiru keessaa baasuun dirqama dhaloota kanaa ta’uu kan ibsuu fi dabalataaniis waamicha Qeerroon yeroo yeroon taasisuus jala jalaan hordofuun barbaachisaa akka ta’ees dhaamsi waraqaa waamicha kanaa ni mul’isa.  Waraqaan waamicha dammaqiinsa qabsoo bilisummaaf taasifamaa jiru kun itti fufiinsaan guutuu Oromiyaa irratti faca’aa jiraachuu gabaasni nu qaqqabe ibsuus akkuma odeessi isaa gumaa’ee nu qaqqabeen jala jalaan kan gabaasnu ta’a.