diddaa9Muddee 14,2014 Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa Mooraa Saayinsii fi Teekinooloojii haala qabsoo bilisummaa Oromoo fi rakkoo uumata Oromoo irra gahe irratti gahaatti erga mariyataniin booda ejjennoon fudhatan FDG bifa fedheen itti fufuu kan jedhu ture,aala kanatti aansuun galgala keessa sa;a 2;00 irraa eegaluun wallee Warraqsaa qabsiisuun ABO fi Qabsoo bilisummaa Oromoo faarsuun FDG malee Furmaatni abbaa irree angoo irraa darbu akka hin jirre akeekan.
Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa bara darbe irraa eegaluun qabsoo qindaa’aa fi FDG sadarkaa Idil addunyaatti dhageettii argate qindeessuun Warraqsaa FDG bifa haaraan qabsoo uummata Oromoo keessatti boqonnaa haaraa saaqe qindeessuun hangafummaa olaanaa argatan, har’as qabsoon hanga bilisummatti jechuun halkan edaa hanga sa’aa 6:ootti Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Saayinsii fi teekinoolojii keessatti sababaa Filmiin afaan Oromoo ”Qurxama” jedhamu argisiifamuun walqabatee galgala irraa eegaluun walleewwaan warraaqsaa kanneen artistoota Oromoo akka Eebbisaa addunyaa, Adinaal Mohaamed fi kkf wallisuun addatti ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo faarsan. kana malees Warraqsaa FDG malee mootummaa abbaa irree wayyaanee afaan qawween aangoo irratti cichaa jiru kan aangoo irraa darbu hin jiru jechuun dhaamsa guddaa uummata Oromoo fi lammiilee Cunqurfamoo biyyatti hundaaf dabarsuu itti fufan. waraabbiin wallee warraaqsaa ni qabna, sababaa rakkoo networkf fe’amuu didee nu rakkisaa jira dhiyootti kan isiniif erginu ta’uu ni hubachiifna.
Kana malees Mudde 13,2014 irraa eegaluun biyyatti keessatti boba’aan konkolaataa fi network  dhabamuun wal qabatee raafama guddatu jira. amma uummatni sababaa boba’aan konkolaataa dhabameef  kutaa biyyatti garaagaraa fi Godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti bakka bakkatti socho’uu hanqachuun uummatni rakkoo ulfataa fi yaaddeessaa keessatti kufee jira. Qaala’insii gabaa biyyattis raafama guddaa biyyatti keessatti qabsiise jira. keessattu bara darbe irra eegaluun Warraaqsaa FDG  Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii qabsisanii walqabatee  mootummaa wayyaaneetti guyyaan halkan ta’ee waan qabee gadhiisu dhabaa jira. Dinagdeen biyyattis raafama guddaa keessa galee jira. Uummatni Oromoo fi lammiileen Cunqurfamoo biyyatti haal duree tokko malee tokkummaan mootummaa abbaa irraa irratti FDG qabsiisuun angoo irraa darbuuf yeroon gamtaan qabsaa’an amma jechuun dhaamsaa dabarsuu itti fufee jira.