Because I am OromoGabaasa Qeerroo Muddee 5,2014 Jimmaa Horroo
Muddee 3,2014 irraa eegaluun gaaffiin mirgaa uumanni Oromoo kaase Godina Qeellam, Jimmaa Horroo keessatti jabaatee itti fufuun uumanni naannichaa dabballoota Wayyaaneef ajajamuu lagachuun walgahii didee buusii hidhaa laga Abbayyaas mootummaa dhorkachuun ejjetnoo isaa gahaatti beeksise.
Kana malees barruuleen warraaqsaa gaaffii mirga qotee bulaa fi walumaa gala abbaa biyyummaa Oromoo kan ilaalu baatii Sadaasa keessa aanaa kana keessatti faca’uu fi uumataan raabsamuu wal qabatee ergamtooti Wayyaanee uumata jeeqaa haa jiraatan malee Oromoonni aanichaa ergama mootummaa guutuutti diduu isaanii Muddee 05,2014 ibsatan.
Haala kanaan kan rifate mootummaan Wayyaanee gaaffii umati Oromoo kaasu maraaf qawwee fi rasaasaan doorsisuu akkasumas hidhaan nama dararuun tooftaa siyaasaa itti fakkaachuun humna Poolisii fi waraanaa naannoo aanaa Jimmaa Horroo ganda Warra Leeqaa fi Tibbee Gooroo jedhamutti erguun barattoota Oromoo 9 nagaan maatii isaanii waliin jiraataa fi qe’ee keessaa maatii hojii gargaaraa jiran humnaan walitti guuruun mana hidhaa aanaa Jimmaa Horroo keessatti naqee jira.
Akka kanaan barattooti hidhaman keessaa:-
  1. Baacaa Gurmeessaa-barataa kutaa 12ffaa
  2. Barataa kumarraa Dimbaashaa-kutaa 11ffaa
  3. Lammii Gizawuu-barataa kutaa 11ffaa
  4. Yohannis Biraasaa-barataa kutaa 11ffaa
  5. Waaggaarii Nagaasaa-Ganda Tiibbee, hojjetaa dhuunfaa
  6. Lammaa Jabeessaa-Ganda Tiibbee, dargaggeessa hojii dhunfaa hojjetu
  7. Magarsaa- Ganda Tiibbee-Barataa kutaa 11ffa8.
  8. Abdiisaa Xilahuun-Warra Leeqaa irraa-barataa9.
  9. Pheexiroos Shuumii-Goobboo-barataadha Kanneen jedhaman keessatti akka argaman Qeerroon gabaas