Wednesday, December 3, 2014

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Dirree Dhawaa Gootummaan Wayyaanee Dura Dhaabbachuun Roorroo Dhageessifatan.


  Dirree Daawwaa
Muddee 1,2014 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Dirree Dhawaa Guyyaa Ayyaana Sabaa fi Sablammootaan dhoksaan mootummaan Wayyaanee mooraa Yuunibarsiitii Dirree Dawwaa keessatti gaggeessa jiru irratti dammaquun sirna mootummichaa fi gochaa Wayyaanee irratti diddaa kaasuu Qeerroon gabaase.
Halkan edaa sa’aa 12:30 wb irraa eegaluun hanga halkan keessa sa’a 5:00tti Mooraa Yuunibarsiitii Dirree Dhawaa dhuunfachuun walleewwaan warraaqsaa ABO fi uumata Oromoo faarsuu fi qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuun diddaa jabaa kaasan.
Mootummaan Wayyaanees Qeerroon barattootni Oromoo FDG ni kaasu  sababaa jedhuun  guyyaa ayyaana sabaa fi sablamoota sobee itti fakkeessu kana kabajadha jechuun muddamaa utuu jiruu waan godhu dhabee utuu barattootni hin beekiin mooraalee Yuunibarsiitii human waraanaan eegsiisaa ayyaanaa sabaa fi sablamoota jedhu dhoksaatti mooraa Yuunibarsiitii Dirree Dawwaa keessatti kabajaa jiraachuu Goototni Qeerroon barattootni Orpomoo irratti dammaquun gamtaan gaaffii mirgaa kaasuu fi walleelee warraaqsaan mirga saba Oromoof falmaa bulan.
Wallee ABO’n kallacha uummata Oromooti, ABO Abdii Uummata Oromoo fi gaachana Uummata Oromooti, ABO’n dimookiraasiif qabsa’a, ABO’n mirga ilma namaa kabachiisuuf qabsaa’a , ABO’n mirga sabaa fi sablamootaa har’a Wayyaaneen ugguraa jirtu kabachiisuuf qabsa’a jechuun sagaalee warraaqsaa guddaa wallee warraaqsaa ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuu dhageessisuun mootummaa wayyaanee dura dhaabbatan.
Mootummaan Wayyaanee human waraanaa heddumina qabu bobbaasee sochii dargaggoota kana dhaabsisuuf yaalii guddaa godhus dargaggootni Qeerroon barattootni Oromoo soda tokko malee sagalee warraaqsaa wal irraa hin citne itti fufuun dhageesisan. Haala rakkisaa keessatti sagalee warraqsaa Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Dirree Dhawaa dhageesisaan

No comments:

Post a Comment