Monday, December 1, 2014

Sadaasi 9 Guyyaan Yaadannoo FDG Kibba Afrikaa Magaalaa Johansburg Keessatti Kabajame

Sadaasa 30, 2014
sa2Jaarmayni Ummata ABO Kutaan Afrikaa Kibbaa ayyaana guyyaa FDG gaafa Sadaasa 16/ 2014 magaalaa guddittii Afrikaa kibbaa Johansburg keessatti bifa bareeddaa fii miidhagaa taheen kabajachuu oduun achi irraa nu dhaqabe addeessa. Ayyaana kanarratti miseensoota jaarmaya ummata ABO kutaa afrikaa kibbaa, hawaasa Oromoo, keessummoota adda addaa kan ANC, kan mootummaa Afrikaa kibbaa fii akkasuma bakka bu’oota ONLF irratti hirmaachuudhaan ayyaanicha miidhaga addaa kannaniifii turan. Haasawoota walduraa duubaan godhaniin barreessaan Afro-asia, itti aanaa partii ANC fii concilor parti ANC kan naannoo 58ffaa rakkoo ummata oromoo irra gahaa jiru ifatti eega ibsaniin booda rakkoo mootummaan abbaa irree wayyaanee ummata oromoo irraan gahaa jirtu tana ummata Oromoo cinaa dhaabbatanii waan dandayaniin tumsaniifii akka ummanni Oromoo ufirraa cunqursaa kana fonlqu kan gargaaran tahuu ifatti ibsan. 

Kana malees ummanni Oromootiis tokkummaa isaa jabeeffatee osoo abdii hin kutanne qabsoo isaa finiinsee akka galmaan gahu ummata oromootti dhaammatanii jiran. haasawuma isaanii keessatti wanni isaan ballama seenen mootummaa isaanii fii paartii isaanitti haala biyya itoophiyaa keessa jiru kana itti ibsanii akka mootummaan fii paartiin isaanii tarkaanfii barbaachiftu fudhattu dhiibbaa gara hundaa kan godhan wa’ada seenanii jiru. Rakkoon ummata oromoo rakkoo ummata arfikaa kibbaati jedhanii jiran. hanga ummanni oromoo gabrummaa jalaa hin baanetti nageyni nuufiis hin jiraatu jedhan, ummata oromoo rakkoo gabrummaa tana jalaa baasuuf dirqama ANC ti jedhanii jiran. 

Gama bakka bu’aa ONLF ogadeen ummanni lamaan obbolaa fii rakkoo takka kan waliin qabu tahuu eega ibse booda, waliin dhaabbannee waliif dirmannee gamtaan gabrummaa tana ufirraa buqqisuu qabna jechuun haasawa isaa keessatti dhaamsa jabaa ummata lamaaniif dabarsee ture. 
sa1
sa3

No comments:

Post a Comment