Saturday, December 13, 2014

Obbo Mohaammad Shelfaa Webo Aakhiraman

Muddee/December 9, 2014, mana yaala magaalaa Seattle(USA) keessatti bakka Obbaleeyyan, firroottan, waahillanii fi hawaasni Oromoo hedduminaan bira dhaabatanitti nagayaan boqote.
Obbo Mohaammad Abba isaa Shelfaa Webo fi Haadha isaa Amiinaa Kataroo irraa goodina Baalee koonyaa Gooro keessatti bara 1968tti dhalate. Akkuma umriin isaa mana barnootaa gayeen mana barnoota nannoo jirutti barnoota isaa eegalee hanga sadarkaa lammaffaatti barate, bara 1987 mana barnoota Baatutti fixate.
San booda bara mootumman Dargii ijoolle Oromoo adamisee kan dide ajjeesuu fi kaan lolaafi Ertreatti bobbaasu fi kaan hiraarsu keessatti lubbuu isaan baqatee biyya Kenya seene. Biyya Kenya keessatti baqattummaadhan waggaa lama eega jiraatee booda bara 1991 carraa biyya USA keessatti qubachuu argatee USA seenuun jiruu isaa jalqabe.
Obboleessi keenya Mohaammad (Shelfaa)n nama obbaleeysa isaa fi maatii isaa qofaan osoo hinta’in nama guyya tokko isa wajiin dabarse hundaan jaalatamaa waan tureef, nu hundaafuu sabrii fi imaana nuuf haakennu jachaa isaa ammoo jannataan haa qananeessu jannee rabbi kadhannaaf.
Obbo Shelfaan nama sabboona Oromoo qofa otuu hin tahiin nama biyya alaa kana keessatti Oromummaa gadi jabeessuuf nama ifaajjii hedduu godhaa turee dha. Yeroo waldayaaleen Oromoo jabaatani hin babal’atin keessatti namoota Oromummaa isaaniitiin boonan keessa nama fakkeenya ta’u tokko ture.
Obbo Shelfaan namoota tuuta kubba Maddaa Walaabuu (Seattle) bu’uuressan keessa tokko. Kana malees Federation Kubbaa milaa ka Oromo Sport Federation in North America (OSFNA) biyya alaatti namoota bu’uuressan keessatti namoota maqaan isaa hangafumman yaamamu keessatti aragama.
Obbo Shelfaan gama siyaasaatiinis miseensa ABO ta’e naannawa jirutti jireenya Dhaba ABO fi Oromummaa tikisuu fi jajjbaressu irratti nama yeroo dheeraaf qooda qabaacha ture. Obbo Shelfaan nama waa hunda hojjachuu danda’u fi gama artiinis nama qooda muli’ata ture. Fakkeenyaaf Diraamaa “Dararaa Maatii” jedhamu kan Obbo Amiin Jundii tiin barreeffame keessatti qooda sabboona Oromoo kan maqaa “Ibsa” jedhamuun taphatee, jaalala ummata Oromoo hedduu horate fi beekkamaa ture.
Obbo Shelfaan ummata keenya biyya keessa jiraniif gargaarsa namooma godhuufille NGO maqaa “Access for Success” kan web site isaawww.accessforsuccess.camp8.org jedhamu bu’ureessuun namoota lammii USA ta’an fuudhe mana barnootaa ijaaruuf biyya geesse tattaaffii guddaa nama godha tureefha. Obbo Shelfaan nama ummata isaa keessa fi saboota olaa Oromoo ta’an hunda biratiis Nama jaalatamu ture.
Qoonni Obbo Shalfaan Qabsoo Oromoo keessatti haala adda addaatiin laatees kan yeroo dheerafi seena ta’e jiraatuudha. Obbo Shelfaan akka dhuunfaatti Nama jaalala sabaa fi namaa qabu. Nama namni biratti rakkate hin boqonne, nama gammachuu fi gadda nama hundaa keessatti qooda fudhachuun beekkamee ture.
Ammas irra deebinee obbaleeyyan, firreenii, Hawaasa Oromoo Magaalaa Seattle jiran fi walumaa galatti kanneen isa beekan beekan hundaan rabbi sabrii fi imaana isiniif haa kennu janna.
Waahillan isaa fi Hawaasa Oromoo Magaalaa Seattle irraa
Maddi: http://athletdani2.blogspot.no/

No comments:

Post a Comment