Friday, March 13, 2015

Warraaqsi Bilisummaa Oromoo Guddoo Kan Isa Baaragse Wayyaaneen Konkolaataa Godinoota Deeman Hunda Sakatta’uuf Murteesse.

Bitootessa 12,2015 Naqamte
IMG_20150312_112935Sochii Oromiyaa keessatti bifa addaan Qeerroon Bilisummaa itti fufeen kan baarage mootummaan Wayyaanee waan qabee gadhiisu wallaallee jira,haala kanaan barattooti Yuuniversitii fi hojjettooti mootummaa aannoolee dhaloota isaanii fi bakkoota adda addaatti ramadamanii hojii warraaqsa bilisummaa ni gaggeessu sababaa jedhuu fi shakkii hin jirre afarsuun konkolaatotiin aanaa fi godina deeman hundi akka sakattama’amaniif ajjaja dabarsee jira.
Ajaja kanaan kan sakatta’u loltoota Wayyaanee naannoo biraa irraa rarramadamanii bakka buufata konkolaataa fi keellaalee irra dhaabbatanii jirachuu Qeerroon gabaasa.

No comments:

Post a Comment