Monday, March 23, 2015

Cooma Mana Ormaa Irra Raafuu Haadha Ofii Wayya Ibsa Qeerroo Bilisummaa

Bitootessa 23,2015
Uummanni Oromoo guyyaa gaafa gabrummaa jalatti kufee kaasee diina isa gabroomseef jilbeenfatee hin beeku, kallattii fi al-kallattiidhaan diina isaa of irraa qolachaa hanga yoonaa gahe,Moototiin Habashaa dhufaa darbaa uumanni Oromoo ciqilee isaanii jalatti akka kufee hafuuf shira hin wixiniin hin jiru.Kanas ta’u sirna cunqursaa meeshaa waraanaa hagna hin qabne hidhatee jiru Oromoon harkaan lolaa mirga isaa tikfataa har’a gahe.  Har’as mootummaan Wayyaanee gaafa aangoo qabateen eegalee kuufama meeshaa ittiin Oromoo doorsisu irratti dabalee afaan sabichaan kan uummata doggogorsu dhaaba ofii isaa akka fedhetti ajajajuu fi kan walabummaa hin qabne ijaaruun OPDO jedhee itti fayadamaa jira. Dhaabuma kana kana keessattis kanneen uummata Oromoof naatoo qaban gara dabarsuu fi biyyaa arihuu kan uummataaf falman hidhuu fi hojii irraa gageessuu irratti hojjetaa umurii aangoo isaa dheerefattaa dhufe, kunis isa baasuu diduun yeroo Oromoon  FDG ifatti finiinee aangoo Wayyaaneetti xumura godhchuuf  yeroo muraasatti galche jiru kana keessatti haalli uummata Oromoo isa sodaachisee jiru kana keessatti, Oromoonni haalli FDG fi dammaqiinsi uummata Oromoo hin galiiniifii fi Oromoon akka qabsaawaa hin qabneetti ala irraa gallee sochii warraaqsa Bilisummaa hoggana jechuun afaan faajjii hawaasa keessatti  uumuun Wayyaanee waliin karaa nagaa fi heera EPRDFn qabsoofna kan jedhan gochaan kana fakkaatu Uummata Oromoo irratti hojjeta malee qooda qabsoo Oromoof gabbisuuf akka hin deemne walii galatti sabni Oromiyaa akka beeku dursanii hubachuun barbaachisaa dha. Guutummaan Ibsa Kanaa PDFn

No comments:

Post a Comment